Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:42 - Waadaa Haarawa

42 «Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

42 Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

42 Eennullee worra gad aanaa kanniin keessaa waan inni darasaa kiyya ta'eef bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:42
21 Referans Kwoze  

Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.


Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa.


Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [


Kennu'uuf fedhiin misha'aan yoo jiraate arjoominni namaa fudhatama ka argatu, haga qabuun yoo kenne malee haga hin qabnneen yoo kenneenii miti.


Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a.


Naminni kumi'llee mandhaawwan kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan guddaan daakka'aa morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu gatamee isaa woyya ture.


Akkuma kana Abbaan keessan ka samii jiru, maandhota kanniin keessaa tokko'llee akka badu hin barbaadu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite