Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:4 - Waadaa Haarawa

4 Simoonii hinaaftticha Yesusiin dabarssee kennee fi, Yihudaa nama biyya Keriyoot.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya keriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya Keeriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:4
19 Referans Kwoze  

Yeroo sanitti ergamoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaan naminni biyya Keriyootii gara mana itti gaafatamoota qeesotaa dhaqeeti,


Yesusii fi barattoonni isaa'llee irbaata ni nyaatan ture, Ilmi Simoonii Yihudaan naminni biyya Keriyootii garuu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, seexanni onnee isaa keessa yaada hamaa ni buliche.


Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef.


Bakkumatti uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee bilayaa fi ulee worri qabatan namoonni baayi'een ni turan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraatii fi jaarsotii biraa'llee worri ergaman ni turan.


Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan.


Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kunoo, namoonni baayi'een ni dhufan, ka isaan eemaru'llee kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa ni ture, Yihudaan'llee isa dhungachu'uuf gara Yesusii, ni dhiyaate.


Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale.


Kudha lamaan keessaa tokko Yihudaan naminni biyya Askorotu'uu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, gara itti gaafatamoota qeesotaa ni dhaqe.


Yesus akka itti murtteeffame yeroo argetti Yihudaan Yesusiin dabarssee kenne ni gaabbe, qarshii soddomaa fudhate'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotaaf akkana jechu'uun deebisee isaanii ni kenne,


wonitti kadhanuuf'llee Yihudaan gara bakka ufii titti yoo deebi'u tajaajila gad dhiisee fi ergamitummaa fudhachu'uuf nama isa bakka bu'u akka nuuf ibssituuf.»


Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a.


«Guyyaa lamaan duubatti Ayyaanni Faasiika'aa akka ta'u ni beekittan, Ilmi Namaa fannifamu'uuf dabarffamee ni kennama.»


«Yesusiin dabarssee uduu isiinii kennee, maal naa kennitan?» jedhe. Isaan'llee qarshii 30 ni kennaniif,


garuu isin jiddu'uu tokko tokko ka hin amanne ni jiran» Yesus kana ka dubbate jalqabumaa kaasee worri hin amanne eennuun fa'a akka turanii fi ka dabarssee isa kennu'llee eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite