Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:3 - Waadaa Haarawa

3 Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:3
30 Referans Kwoze  

Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a.


Indriyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Taadewosii fi Simoonii hinaafticha.


Achi biraan'llee dabrra'aa uduu jiru bakka qaraxa itti wolitti qaban taa'ee jira ka ture, ilma Alfewosii Leewii argee «Ana horddof!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen.


Yesus bakka sanii ka'ee deema'aa uduu jiru, Maatewos ka jedhame qaraacichi, bakka qaraxa wolitti itti qaban taa'ee argeeniiti, «Ana horddofi!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen.


Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan.


Yeroo sanitti Diidimoos ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe.


Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,


Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u.


Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.


Obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin ni arge malee, ergamittoota bira'aa keessaa eennuun'llee hin argine.


Guyyaa itti aanutti'llee Phaawulos nu woliin, mana gara Yaaqoobii ni deeme, jaarsotiin woldayaa marri'llee achi jiran ture.


Inni garuu akka caldhisaniif harka isaatiin akeekee, Gooftaan mana hidha'aatii attamitti akka isa baaseen isaanitti odeesseeti, «Waan kana Yaaqoobii fi amantoota hafanitti'llee himaa» isaaniin ni jedhe. Isaan irraa fooyamee'llee gara bakka bira'aa ni deeme.


Kanaan duubatti Yesus achii bayee yoo deemu, qaraacichi Leewii jedhamu, bakka qaraxa itti fuudhan taa'ee argeeniiti, «Ana horddof!» jedheen.


Isaan dubbatanii eegaa geessaniin duubatti, Yaaqoob akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyan! Mee ana dhageeffadhaa!


«Nama biyya keriyootii uduu hin ta'in Yihudaan bira'aa, yaa Gooftaa! Mataa kee biyya lafaatiif uduu hin ta'in nu'utti ka muldhifttu attamitti?» jedheen.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Yaa Filiphos! Yeroo kana mara isi'iin woliin yoo jiraadhutti, ana hin beekittu moo? Ana ka arge Waaqa Abbaa ni arge, eegaa ati, ‹Waaqa Abbaa nutti muldhisi› attamitti jetta ree?


Isaan keessa'llee magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobiitii fi Yooseefii, Maariyaam, haati ilmaan Zabdewoosii'llee isaan keessatti ni argaman turan.


Isaan'llee hin dhagayu yoo jedhe woldaya amanti'ii titti himi, woldaya amanti'iitiif'llee ka hin dhageenne yoo ta'e, akka nama amantii hin qabnneetii fi akka cubbamaa hin deebinee titti lakkaayiin.»


Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni tokko tokko'llee, achi ni turan. Isaan keessaa'llee Magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobii maandhichatii fi haati Yoosa'aa Maariyaam, Salomeen'llee ni argaman ture.


«Namoonni lamaa kadhanna'aaf gara Mana Waaqeffanna'aa ni deeman, tokkochi Fariisayicha yoo ta'u kuun ammoo ka qaraxu ture.


Farisaayichi dhaabatee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni kadhate, ‹yaa Waaqa! Ana akka namoota kaanniinii saamitticha, hamaa, sagaagalaa waan hin ta'iniif, si galateeffadha.›


«Qaraacichi garuu fagoo dhaabateeti, ol jedhee gara sami'iituu laalu'uufuu hin uggine, garuu harka isaatiin laphee isaa dhaya'aa, ‹yaa Waaqaa kiyya! Ana cubbamaa kana marri!› ni jedha ture.


Achitti'llee itti gaafatamaa worra qaraxa wolitti qabanii Zakkiwoos ka jedhamu, namicha dureessa'atu jira ture.


Naatinaa'el'llee, «Eessatti ana beekitta?» jedheen. Yesus'llee, «Filiphos uduu si hin waamniin duranatti, muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira» jechu'uun, ni deebiseef.


Toomaas'llee, «Yaa Gooftaa! Garam akka deemittu hin beekinnu, eegaa, karaa attamitti beeku'uuf danddeenna ree?» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite