Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:2 - Waadaa Haarawa

2 Tarreen maqaa barattoota kudha lamaanii'llee akka itti aanee jiru, jalqaba Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, ijoolleen Zabdiyoosii Yaaqoobii fi Yohaannis,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa Simoonii «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:2
44 Referans Kwoze  

Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a.


Achi bira'llee dabrree, ijoollee Zebdiwoosii ka ta'an kuunniin obboleeyyan lamaan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin ni arge. Isaan'llee abbaa isaanii Zebdiwoosiin woliin hoboloo irra ta'anii, tabbaarrii isaanii suppha'aa uduma jiran, isaan ni waame.


Filiphos'llee dhaqee Indriyaasitti ni hime, Indryaasii fi Filiphos'llee woliin dhaqanii Yesusitti ni himan.


Barattoota isaa keessaa tokko, obboleessi Simoon Phexirosii Indriyaas akkana ni jedhe,


Akkanuma kana waahellan Simoonii ka ta'an ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis'llee, maalalffatanii turan. Yesus'llee Simooniin, «Jabaadhu hin sodaatin, ammaa achitti ka namoota wolitti qabddu ni taata» jedheen.


Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yeroo dabrru qurxummii qabddoota ka turan obboleeyyan lamaan, isaan'llee Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa titti yoo darbbatan ni arge.


Sababaa kanaan'llee ogummaan Waaqaa akkana ni jetti, nabiyyootaa fi ergamittoota'llee gara isaanii ni erga, tokko tokko isaanii ni ajjeesan, worra hafan'llee ni ari'atan,


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Giifttii filatamitte fi ijoollee isi'iitiif, Ana jaarssa irraa ergaa ergame, ani dhugamaanuu isin ni jaaladha, ana qofa uduu hin ta'in worri dhugaa beekan marrinuu isin ni jaalatan,


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phexirosiin irraa, Galttoota taatanii Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiya'aa fi Bitaanyaa keessa bittinoofittanii worra jiraattaniif,


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Inni'llee tokko tokkoon ergamittoota, tokko tokko nabiyyoota, tokko tokko ammoo lallabddoota wongeelaa, tokko tokko tissitoota amantootaa, tokko tokko barsiisota akkuma kana, kennaawwan isaanii ni kenne.


Saniin duubatti'llee Yaaqoobitti ni muldhate, ergamittoota maratti'llee ni muldhate.


obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin billayaan ni ajjeesiseen.


Guyyaa tokkoo Phexirosii fi Yohaannis yeroo kadhanna'aa guyyaa keessaa saa'aa sagalii titti, gara Mana Waaqeffanna'aa ni bayan,


Carraa yeroo buusanitti'llee carraan Maatiyaasiif ni baye, kanaaf inni ergamittoota kudha tokkoo woliin ni lakkayame.


Waayee wonittoota kanniin maraa ragaa ka bayee fi wonittoota kanniin'llee ka barreesse barataa kana, ragummaan isaa'llee dhugaa akka ta'e ni beekinna.


Phexiros ufi irra garagalee yoo laalu barataan ni jaalataan ture, isa yoo horddofuun ni arge, barataan kun'llee yeroo irbaataa gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa, dabarssee ka si kennu eennu?» jedhee, ni gaafateen.


Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan.


Kanaaf isiin gara Simoon Phexirosiitii fi gara barataa Yesus jaalaatuunii fiiga'aa ni deemitteeti, «Gooftaa awwaala keessaa baasanii fudhataniinii jiran, eessa akka kaayaniin hin beekinnu» isaaniin jette.


Yesus ni jaalataan ka ture, barattoota isaa keessaa tokko isa biraan taa'ee jira ture.


Saa'aatiin irbaataa yeroo gayetti Yesus ergamittootaan woliin nyaataaf ni taa'e.


Yesus, «Irbaata Faasika'aa akka nyaannuuf deema'aatii, nuuf qopheessaa!» jechu'uun, Phexirosii fi Yohaannisiin ni erge.


Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufaniiti, waan raawwatan maraa Yesusitti ni himan. Inni'llee gara magaalaa Betsayidaa biratti argamittu gara bakka udume'ee titti isaan qabatee ni deeme.


Yesus fuundura Mana Waaqeffanna'aatiin Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru Phexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indriyaas adda isaanii titti gara isaa dhiyaatanii,


Yeroma sanitti Yesus bakka wolgayii isaaniitii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin, gara mana Simoonii fi Indriyaasii ni aseene.


Isa woliin Phexirosii fi ijoollee Zabdewoosii lamaan fudhatee ni deeme, gaddu'uu fi sarddamuu'llee jala qabee.


Kanaan duubatti haati ilmaan Zebdiwoosii ijoollee isi'ii woliin gara Yesusii dhiyaatteeti, isa duranatti'llee jilibbiiffattee waan tokko akka isi'ii taasisuuf ni gaafatteen.


Guyyaa jahaan duubatti Yesus Phexirosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaanisiin qofa fudhatee, adduma isaa gara gaara ol fagaatuu tokkoo, irra ni bayan.


Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe.


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Dhugamaan ka jaaladhuuf, Gaayosii jaalatameef, Ana jaarsa irraa ergaa ergame,


Yaa samii! Isi'iin gammadi! Waaqinni waayee keessaniif isii irratti waan murtteesseef, isin Qulqulloonni fi ergamittoonni, nabiyyoonni'llee, gammadaa!


Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufanii Yesusiin duratti wol ni gayan. Waan raawwatanii fi waan barsiisan mara itti ni himan.


Kanaaf Yesus barattoota isaa kudha lamaaniin, «Isin'llee ammoo deemu'uuf ni barbaadanii moo?» isaaniin ni jedhe.


Yesus'llee, «Isin kudha lamaan keessan isin filadhee jiraa mitii? Garuu isin keessaa tokkochi sheexana!» isaaniin jedhe.


Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite