Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:1 - Waadaa Haarawa

1 Yesus barattoota kudha lamaan gara isaa waamee hafuurota battiiwwan akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisaniif aangoo isaanii ni kenne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, ayyaana battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, hafuura battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:1
26 Referans Kwoze  

kunoo! Boofaa fi qaajjibbuu irra akka ijjattaniif, huminna diinaa mara'llee akka dandeettaniif, aangoo isinii kennee jira, wonitti isin miidhu tokkoo hin jiru.


Kunoo! Ani abddii Abbaan kiyya isiniif kenne isinii ni erga, isin'llee olii huminna akka uffataa titti haga uffattanitti, magaalaa Yerusaalemii titti turaa.»


Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.»


Yohaannis'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kami'llee Waaqinni isaa kenne malee womaayyuu qabaachu'uuf hin dandda'u,


Yeroo bari'etti'llee barattoota isaa gara isaa ni waame, isaan keessaa'llee kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase,


Diinota keessan keessaa eennu'llee isa durana dhaabachuu yookiin isaan mormmuu ka hin danddeenne, afaanii fi ogummaa isaaf ni kenna.


Garuu, hafuurri battichi, «Yesusiin ni beekaan! Phaawulosii'llee ni beeka! haa ta'u malee isin eennu fa'a?» isaaniin ni jedhe.


ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef.


Yesus'llee, «Isin kudha lamaan keessan isin filadhee jiraa mitii? Garuu isin keessaa tokkochi sheexana!» isaaniin jedhe.


Waaqinni Abbaan Ilma isaa in jaalata, waan maraa harka isaatti kenneefii jira.


Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte.


Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan.


Yeroo laftti dhiitetti'llee, Yesusii barattoota isaa kudha lamaan woliin, nyaataaf ni taa'e.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa teessoo isaa ka ulfinnaa irra yeroo taa'u arddii haarawatti, horddofittoota kiyya worri taatan isin'llee, teessoowwan kudha lamaan irra ni teettan, gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee ni murtteessitan.


Hamaa jalaa nu baasi malee, gara qormaataa titti nu hin galchin, [Mootummaan, huminnaa fi ulfinni'llee, bara baraan keeti, Ameen.› »]


Yesus'llee bakkeewwan woligayi'ii titti, isaan ni barsiisaa fi gammachuu dubbii Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een namoota qabaman fayyisa'aa, arddii Galiila'aa mara keessa ni naanaya ture.


Yesus'llee bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aa, wongeela Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, ummata'llee dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisa'aa, magaalotaa fi gandoota mara keessa ni naannaya ture.


Eegaa hojjattoota isaa gara hujii calla'aa titti akka erguuf, abbaa calla'aa kadhadhaanii.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite