Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 1:22 - Waadaa Haarawa

22 Kun marri'llee ka ta'e Gooftaan akkana jechu'uun karaa nabiyyichaatiin ka dubbate akka raawwatamuuf,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

22 Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 1:22
22 Referans Kwoze  

Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe.


«Naaziraawicha ni jedhama» jedhamee nabiyyootaan ka dubbatame, akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet jedhamttuu dhufee, ni jiraate.


Waaqinni garuu durssee afaan nabiyyoota maraatiin, ‹Masihichi rakkinna fudhachuu ni qaba› dubbiin jedhe, bifa kanaan akka raawwatuuf ni taasise.


Kun'llee ka ta'e «Yaa Abbaa, namoota naaf kennite keessaa tokkochuma'llee hin balleessine» dubbiin jedhee ture, akka raawwatamuuf.


Kun'llee sababinni ta'eef, nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, «Haasaya kiyya fakkeennaan ni ibisa, biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee waan dhokatee jiru, ni dubbadha.»


Ani isaan woliin yeroo turetti maqaa naa kenniteen isaan eegee jira, ani isaan ni eege, kanaaf dubbii Kitaaba Qulqullu'uu akka raawwatamu'uuf, kan ilma badi'ii malee gonkumaa isaan keessaa eennu'llee hin banne.


Kun'llee ka ta'e ‹sababa malee ana ni jibban› jedhamee, seera isaanii keessatti dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf.»


Eegaa Kitaaba Qulqulluu diigu'uun hin danda'amu, dubbiin Waaqaa ka isaanii dhufe Kitaaba Qulqulluu, waaqota harkaan hojjataman jedhee eega isaan waame,


Haa ta'u yeromaaf malee onnee isaa keessatti hidda gad hin fageeffanne, kanaaf sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni tokko yookiin ari'ataminni yeroo isa irra gayetti, dafee ni gufata.


kun'llee ka ta'e raaginni nabiyyicha Isaayaasiin dubbatame, akka raawwatamuuf.


Achitti'llee Heerodis haga du'uuf ni ture, kun'llee ka ta'e Gooftaan nabiyyichaan, «Ilma kiyya Gibxiitii ni waameen» dubbiin jedhe, akka raawwatamuuf.


Kana'llee raawwachuu isaatiin nabiyyicha Isaayaasiin, «Inni dhibee keenna ni fudhate, dhukkubsata keenna'llee ni baadhate» raaginni jedhame, ni raawwatame.


Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Seera waadaa duraaniitii fi barsiisa nabiyyootaa diigu'uuf ka dhufe isinitti hin fakkaatin, ani raawwachu'uu fi taasisu'uuf'llee dhufe malee, isaan diigu'uuf hin dhufnne.»


Waayee badii kanaatiif raaginni barreeffame akka raawwatamuuf, kun yeroo halo'ootii fi yeroo adabbi'iiti.


Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.»


Wongeelli kun'llee ka Waaqinni karaa nabiyyootaatiin kitaabban Qulqulluu keessatti durssee ka kenne, dubbii abddi'iiti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite