Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 1:16 - Waadaa Haarawa

16 Yaaqoob Masihii ka jedhame Yesusiin ta deette qaadhimataa Maariyamii ka ta'e, Yooseefiin ni uumate.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Yaaqoob Yooseefiin uumate. Yooseef ka haadha Yesuus Kiristoosii Maariyaamiin qaadhimate ture; Maariyaamiin tun ta Yesuusii «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame deette.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 1:16
17 Referans Kwoze  

Kanaaf yeroo namoonni woligayanitti Phiilaaxos, «Eennuun akka isinii hiiku barbaadan? Barabbaaniin moo yookiin Masihicha ka jedhame Yesusiin?» jechu'uun, isaan ni gaafate.


Dubarttiin'llee, «Kristos ka jedhamu Masihiin akka dhufu ni beeka, inni yoo dhufe waan maraa nu'utti ni hima» jetteen.


Yesus hujii isaa ka barsiisu'uu jala yoo qabu, umriin isaa haga woggaa soddoma ta'ee jira ture, ummataaf'llee Yesus ilma Yooseefii isaanitti ni fakkaata ture, kun'llee Yooseef ilma Eli'ii,


«Phiilaaxos'llee, eegaa, Masihii ka jedhame Yesusiin hoo maal haa taasisuun?» isaaniin jedhe. Marrinuu, «Haa fannifamu!» jechu'uun, ni deebisan.


Waayee isaa marrinuu waan mishaa ni dubbatan ture, dubbii inni dubbatu ta kennaa bilisaatiin guuttamtteen maalalffatanii, «Kun ilma Yooseefiitii mitii?» jedhan.


Yooseefii fi Mariyaam'llee Mana Waaqeffanna'aa titti yeroo isa argganitti, ni maalalan, yeroo sanitti haati isaa, «Ilma kiyya maali'iif akkana nu taasfitte? Abbaan keetii fi ani'llee sarddaminnee, si soqa'aa turre,» jetteen.


Achitti'llee ilma isi'ii ka hangafaa ni deette, subbee ammataatiin'llee ni martteen, bakka bulttii keessummootaa'llee waan hin argatiniif, moonaa hori'ii bakka horiin itti nyaatan gongaa keessa, ni rafifitteen.


Ka ergame'llee fiixaa Daawiitii keessaa gara ka ta'e Yooseef nama jedhamu, gara ta qaadhimammittee gara durbba duudaa takkaa ture, maqaan durbba duudaa tanaa'llee Mariyaam ture.


Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan.


Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen.


Eliyud Ele'azaarin, Ele'azaar Maataaniin, Mataan Yaaqoobiin ni uumate,


Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin inni Kristosiin ta'uu isaa eennutti'llee akka hin himnneef, isaan ni ajaje.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite