Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 8:2 - Waadaa Haarawa

2 «Namoonni kunniin kunoo, ana woliin guyyaa sadihii turanii jiran, waan nyaatan womaa waan hin qabnneef, isaanii ni naya.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 «Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif; waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 «Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 8:2
23 Referans Kwoze  

Ummanni garuu akka hoolota tissee hin qabnnee titti sarddamaniitii fi bitaa isaanitti ta'ee yeroo isaan argetti, isaanii ni gadde.


Inni mataan isaatuu dadhabbii ka qabu waan ta'eef wolaalotaa fi dogoggorttoota, gara laafnnaan isaan laalu'uuf ni danda'a.


Nu'u ka qabnnu itti gaafatamaan qeesotaa dadhabbii keennaan nuuf nayuu ka danda'u, inni'llee waan maraanuu akkuma keenna ni qormaatame, ta'u'llee cubbuu woyiituu hin hojjanne.


Kanaaf ka'ee gara abbaa isaa ni dhaqe.» Abbaan'llee, «Uduma fagoo jiru ilma isaa ni argeen, garaa laafeefii'llee gara isaa ni fiige, ammateenii'llee ni dhungateen.


Gooftaan'llee yeroo isii argetti garaa isi'ii laafeefii, «Jabaadhu, hin booyiin!» isi'iin jedheen.


Ajjeesu'uuniif'llee barbaadee yeroo baayi'ee ibiddaa fi bishaan keessatti ni kuffissan. Garuu waan tokko taasisu'uuniif yoo dandeette, yabo'oo nuuf nayi! Nu gargaar'lle'e!»


Yesus hoboloo irraa yoo bu'utti namoota baayi'ee ni arge, akka hoolota tissee hin qabnnee ta'uu isaaniitiin'llee isaanii ni gadde, waan baayi'ee'llee isaan barsiisuu jala ni qabe.


Yesus garuu hin eeyyamnneef, garuu, «Gara mana keetii deemiitii Gooftaan waan ol aanaa attamii akka si raawwate fi waan ol aanaa taasise, attamitti'llee akka si fayyise, maatii kee titti odeessi» jedheen.


Yesus'llee garaa laafeefiiti harka isaa hiixatee qaqaba'aanii, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen.


Yesus'llee, isaanii garaa laafeeti ija isaanii ni qaqabe, bakkumatti ijji isaanii ni argite, isaan'llee Yesusiin ni horddofan.


Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise.


Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.


Kanaaf adda isaanii ta'u'uuf hoboloo yaabatanii, gara bakka udume'ee tokkoo ni deeman.


Akkuma beelayan kanaan gara mana isaanii yoo isaan geegesse, karaa irratti ni dadhaban, gonkumaa tokko tokkoon isaanii'llee, worra fago'oo dhufan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite