Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 3:5 - Waadaa Haarawa

5 Yesus'llee waayee haddooddii onnee isaaniif gaddee, naannoo isaa worra jiran laaleeti namichaan, «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirsetti, harki isaa ni fayyeef.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Innillee gar-jabeenna isaaniititti akka malee gaddee, aari'iin garagalee isaan laalee, namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Inni gar jabeenna isaaniititti akka malee gaddee aari'iin gara galee isaan laalee namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichi harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 3:5
29 Referans Kwoze  

Yesus gara namoota naannoo isaa jiran maraa eega laaleen duubatti namicha harka naafttichaatiin, «Harka kee diiririssi!» jedheen. Inni'llee harka isaa yoo diriirssetti, ni fayyeef, akka harka kaanii'llee ni ta'eef.


Sammuun isaanii dukkanaayee jira, beekuu dhabu'uu fi waayee morkkattummaa isaaniitiin, jireenna Waaqinni kennu irraa fooyamanii jiran.


Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati.


Kanaan duubatti Yesus namicha harka naafaatiin «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirssetti harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalesaa ni ta'eef.


Gaarotaa fi dhagaayyi'iin'llee, «Nu golgaa! Ka teessoo irra taa'een duranaa irraa fi dheekkamssa Hoolichaa jalaa'llee nu dhossaa!


Muda maleessa ta'ee eega argameen duubatti'llee worra ajajaman maraaf, sababaa fayyiinsa bara baraa isaaniif ni ta'e.


Waaqa woggaa afurtamaa guutuu uduu dallansiisaniin ka jiraatan, eennuun fa'a turan? Isaan cubbuu ka hojjatanii fi worra reeffi isaanii lafa gammoojji'ii titti kufee hafee mitii ree?


Guyyaa itti fayyitaniif mirkaneessaa akka isinii ta'uuf, ka ittiin caapheffamttan Qulqulluu Hafuura Waaqaa, hin gaddisiifnnaa.


Baanadhaa, baanii keessaniin garuu cubbuu hin hojjatinaa, baaniin keessan'llee uduu hin dhabamin aduun isinitti hin dhiyin.


Onneen isaan dhugama hadoodee jira, haga adhaa titti'llee kitaaba waadaa duraanii yoo dubbisan, onneen isaanii waanuma isatti haguuganiin haguugeffamee jira. Kun'llee ka ta'u haguuggiin sun ka dhabamisiifamu Kristos qofaan waan ta'eef.


«Deemiitii bakka itti cuuphama Saalihomii titti miicadhu» jedheen. (Saalihoom jechuun «Ka ergame» jechu'u.) Kanaaf namichi dhaqee dhiqateeti, laala'aa ni deebi'e.


Yesus'llee isaan laaleeti, «Deemaa! Qaama keessan qeesotatti muldhisaa!» isaaniin jedhe, Isaan'llee uduma deema'aa jiran, waashayinna isaanii irraa ni fayyan.


Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa hoo tokko tokkoo keessan guyyaa Sanbbataatiin qotiyyoo isaa bakka itti cufamee baasee, yookiin harree isaa bakka itti hidhamee hiikee, gara bakka bishaan itti obaasuu ni fidaanii mitii?


«Kanaaf dhaloota sanitti dallanee, ‹onneen isaanii yeroo maraa ni dogoggora, karaa kiyya'llee hin beekinne› jedhe.»


Achiin duubatti'llee, «Haa ta'u malee guyyaan Sanbbataatiin ka eeyyamame, waan mishaa raawwachu'u moo yookiin hama'a? Lubbuu fayyisu'uu moo yookiin balleesu'u?» jedhee isaan ni gaafate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite