Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 10:2 - Waadaa Haarawa

2 Fariisoota keessa'llee muraasonni gara isaa ni dhiyaatan, isa qormaatu'uuf'llee barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa akka hiiku seeraan eeyyamameefii jira?» jechu'uun, ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 10:2
25 Referans Kwoze  

Kana'llee wonitti jedhaniif isa irratti sababa himanna'aa akka argatan, isa qormaatu'uuf waan barbaadaniif ture, Yesus garuu gad jedhee lafa irratti qubaan barreessuu, jala ni qabe.


«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [


Isaan keessaa'llee tokko tokko akkuma Gooftaa qormmaataniin fi bofaan iddamanii akkuma du'an, nu'llee Gooftaa akka hin qormaanneen.


Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture.


Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?


Haa ta'u malee namoota aangoo qaban yookiin Fariisota keessaa ka isatti amanan ni jiranii ree?


Namoonni waayee Yesusii hasaassi'iin yoo dubbatan Fariisonni ni dhagayan, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf, wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa ni ergan.


Fariisonni worra qarshii jaalatan waan turaniif, waan Yesus dubbate maraa dhagayanii, itti ni baldan.


Kanaaf Gooftaan Yesus akkana ni jedheen, «Isin Fariisonni duuba kubbaaya'aatii fi qori'ii'llee qulqulleesitanii ni miican, keessa keessantti garuu saamichaa fi hammeenni, isinitti guutee jira.


Fariisotaa fi barsiisonni seeraa garuu, harka Yohaannisii titti hin cuuphamnnu jechu'uun, fedhii Waaqaa mormmanii turan.


Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni'llee yakka Yesusiin ittiin himatan argachu'uuf barbaadanii, «Guyyaa Sanbbataatiin ka isa fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu» jedhanii, ni eeggatan ture.


Fariisootaa fi worra isaanii ka ta'an barsiisonni seeraa, «Worri qaraacotaatii fi worri cubbamootaan woliin nyaattanii fi dhugiddan waayee maali'iitiif?» jedhanii, barattoota Yesusii irratti ni guunguman.


Yesus'llee, «Shiishaa Fariisotaatii fi Heerodisii irraa ufi eeggadhaa!» jedhee, isaan ni ajaje.


Fariisonni gara Yesusii dhufaniiti isaan woliin mormmuu jala ni qaban, isa qormaatuuf'llee yaadanii sami'ii maalalee tokko akka isaanitti muldhisuuf, ni gaafataniin.


Isaan keessaa'llee tokko barsiisaan seera, Yesusiin qormaatu'uuniif barbaadee, akkana jechu'uun ni gaafateen,


Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.


Kanaan duubatti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Farisoonni waan ati dubbatte kana dhagayanii, akka gufatan beekittee jirta?» jechu'uun ni gaafataniin.


Fariisoonni garuu, «Inni jinniiwwan ka baasu, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin» jedhan.


Yesus achii ka'ee, laga Yoordaanosii gara dhiyaatiin dabrree, gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Namoonni haalaan baayi'ee'llee deebi'anii gara isaa wol ni gayan, inni'llee akkuma aadaa isaa titti isaan ni barsiisa ture.


Yesus'llee, «Museen waayee waan kanaa maal isin ajaje?» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite