Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 1:8 - Waadaa Haarawa

8 Ani bishaaniin isin ni cuupha, inni garuu Hafuura Qulqullu'uun isin ni cuupha.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

8 Ani bisaaniin isin cuupha. Inni ammoo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha jedha'aa lallabe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Ani bisaaniin isin cuupha; Inni ammo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha» jedha'aa lallabe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 1:8
19 Referans Kwoze  

Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.»


Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.


Phexirosiin woliin ka dhufan ka gadooman kirstaanota Yihudotaa keessaa, Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef Hafuura Qulqulluu akka isaanii kennee yeroo arganitti, ni maalalan.


Marrinuu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, Hafuura Qulqullu'uun akka dubbataniif haga dandeettii isaanii kenneetiin'llee, afaanota bira'aatiin dubbachuu jala ni qaban.


Waaqinni guyyaa muummee titti akkana ni ta'a jedha, hafuura kiyya nama maraa irratti ni jissa. Ijoolleen kiyya ta dhiiraatiif ta durbbaa'llee raagaa ni dubbatan, gayeeyyiin keessan'llee, mulidhata ni argan, Jaarsotiin'llee ebjju'uun ni eebjotan.


Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.


Akkana'llee ni jedha ture, «Hidhaanuma kophee isaatuu gadi jedhee hiiku'uuf gonkumaa ka hin dandeenne, ka ana haalaan caalu ana duubaan ni dhufa.


Yeroo saniin duubatti Yesus magaalaa Naazireetiitii ta kutaa biyya Galiila'aa titti argamttu bayee, laga Yoordaanosii titti harka Yohaannisii titti ni cuuphame.


Yohaannis garuu isaan maraanuu akkana ni jedhe, «Ani bishaaniin isin ni cuupha, garuu ka bira'aa ka ana irra jabaa ta'e ni dhufa, ani hidhaanuma kophee isaa'llee hiiku'uuf ka gayee miti, inni Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha.


Yohaannis'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ain ka cuuphamu bishaaniin, garuu ka isin hin beekinneen jidduu keessan dhaabatee jira.


Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu bishaaniin akka cuuphuuf ka ana erge, ‹Hafuurri Qulqulluun yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ka argitu, Hafuura Qulqullu'uun ka cuuphu isa› yoo jedhu natti himee jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite