Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 1:11 - Waadaa Haarawa

11 Yeroo sanitti, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi ka si'itti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, Ani sitti gammada» jedhu dhufe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 1:11
19 Referans Kwoze  

Duumessi'llee dhufee isaan ni golge, duumessa keessan'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana! Isa dhageeffadhaa!» qooniqqi jedhu, ni dhagayame.


Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Inni huminna dukkanaatii baasee gara mootummaa Ilma isaa ka jaalatamee, akka gallu nu taasisee jira.


akkuma kana Gooftaan keenna Yesus Kristos hafuura qulqullummaa isaatiin du'aa ka'uu isaatiin Ilma Waaqaa ta'uun isaa, huminna ol aana'aan ni beekame.


Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.


Ka ana erge Waaqinni Abbaan mataan isaatuu waayee kiyya ragaa bayee jira, isin garuu qoonqqa isaa gonkumaa hin dhageenne, bifa isaa'llee gonkumaa hin arginne.


Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.»


Duumessa keessan'llee, «Ilima kiyya ka ani filadheen kana, isa dhageeffadhaanii» qooniqqi jedhu, ni dhufe.


Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe.


Nu'u amannee jirra, Ilmi Waaqaa jiraata'aa akka taate'llee, beekinnee jirra» jedheen.


«Kunoo! Tajaajilaan kiyya ka ani filadhe kana! inni'llee ka ani jaaladhuunii fi itti gammadu, Hafuura kiyya isa irra ni kaaya, inni'llee murttii qajeelaa ummatootaaf ni labissa.


Bakkumatti Yesus bishaan keessaa akkuma bayeen, samiin yoo banamuu fi Hafuurri Qulqulluun fakkeenna bifa handari'iitiin, isa irratti yoo bu'u ni arge.


Hafuurri Qulqulluun'llee fakkeenna handari'iitiin dhufee isaa irratti ni bu'e, Yeroma sanitti «Ati ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi, sitti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite