Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 1:1 - Waadaa Haarawa

1 Kun jalqaba wongeela Yesus Kristos Ilma Waaqaa

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Jalqabni Oduu Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Jalqabni Dubbii Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 1:1
23 Referans Kwoze  

garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira.


Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe.


Qormmaataan gara Yesusii dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate mee, dhagaayyii kanniin buddeena akka ta'aniif ajaji!» jedheen.


Hoboloo irra worri turan marrinuu, «Dhugamattuu ati Ilma Waaqaa!» jedhanii, Yesusiif ni sagadan.


Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Nu'u amannee jirra, Ilmi Waaqaa jiraata'aa akka taate'llee, beekinnee jirra» jedheen.


Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.


Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe.


Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.»


Maleeyikkichi'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Hafuurri Qulqulluun gara kee ni dhufa, humnniti Waaqa Ol Aana'aa'llee si irra ni ta'a, kanaaf daai'minni si irraa dhalatu'llee Qulqullu'u, Ilma Waaqaa ni jedhama.


Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?


akkuma kana cuuphaa Yohaannisiitii jala qabee, haga guyyaa Gooftaan Yesus gara samii ol deebi'ee titti, namoota woliin turan kanniin keessaa tokko, nu'u woliin ragaa du'aa ka'iinssaa isaa akka ta'u, ni barbaachisa.


Yesus uduu hin dhufiniin duranatti Yohaannis, namoota Israa'eelii maraafuu waayee cuuphama cubbu'uu lallabee ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite