Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 3:1 - Waadaa Haarawa

1 Nugufnni Rooma'aa Xibaariyos nugusa ta'ee woggaa kudha shanaffaa titti, pheenxenaawichi philaaxos bulichaa arddii Yihuda'aa ni ture, Heerodis bulichaa biyya Galiila'aa ni ture, akkuma kana obboleessi isaa Filiphoos bulichaa biyya Ixuriyaasii fi xiraakonidoos, Liisanyoosii fi bulichaa Abileene'ee ni turan,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Hennaa Qeesaari Xabaariyos mooye woggaa kudha shanaffa'aatitti Pheenxeenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture, Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Hennaa Qeesaar Xibaariyos mooye woggaa kudha shaneesso'ootitti Pheenxenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture; Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 3:1
19 Referans Kwoze  

Yeroo sanitti bulchiinsa Rooma'aa keessa namoonni jiran marrinuu akka laakayamaniif, nugusa Roomaa Awugusxosiin biraa ni labissaman.


Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin.


Kanaan duubatti nugusichi, bulichaa fi Berniiqeen, namoonni isaan woliin ta'anii jiran turan marri'llee, ni ka'an.


Woggaa lamaan duubatti Phorkii'os Fesxoos bakka Feeliksii ni bu'e, Feeliks'llee Yihudotaa gammachiisuuf barbaadee, Phaawulosiin akkuma hidhametti ni dhiiseen.


«Klaawudiiyos Luuisiyoosiin irraa, kabajamaa bulichaa biyyaatiif! Nageenni siif haa ta'u!


Dugamaanuu Heerodisii fi Pheenxanaawichi Philaaxos, ummataa Waaqa dhugaa titti hin amannee fi ummata Israa'eelii woliin magaalaa kanatti wol gayanii, Masihicha ka taasiseen tajaajilaa Qulqullu'uun, Yesusiin irratti ni ka'an,


Sababa kanaan'llee wonitti isaan gaafatan akka isaanii raawwatamuuf, Philaaxos ni murtteesse.


Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'ee jira» jedhanii, ni odeessan waan tureef, bulchaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waan Yesus raawwate maraa dhagayuu isaatiin ni naye.


Bulchaa Galiila'aa Heerodis garuu, haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Heerodiyaasiin fuudhuu isaatii fi ka bira'aa'llee waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaatiin, itti ni baanate.


Heerodis haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Hirodiyaadaa waan fuudheef, Yohaannisiin sababa isi'iitiin qabsiisee, mana hidha'aa titti hidheenii ture.


Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin.


Yeroo sanitti bulchaan kutaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waayee gurroo Yesusii ni dhagaye.


Guyyaa dhaloonni Heerodisii itti kabajamutti intaltti Heerodiyaasii dhufittee, worra afeeramttoota duranatti sirba'aa, Heerodisiin ni gammachiiftte.


«Jedhi mee nutti himi, maal sitti fakkaata? Nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun, seera qabeessaa moo yookiin miti?»


Heerodis guyyaa itti dhalate kabaju'uuf namoota aangoo qaban ka mootumma'aatiif, filatamittoota woraanaa, namoota Galiila'aa ka beekkaman jiraattotaaf afeerrii ol aanaa ni taasise, kun'llee Heerodiyaada'aaf carraa mishaa ni ta'eef.


Yeroo sanitti worri Farisotaa tokko tokko gara Yesusii dhufanii, «Heerodis si ajjeesu'uuf ni barbaadaatii, asii baayii deemi!» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite