Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 16:3 - Waadaa Haarawa

3 Namichi sooru'llee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni yaade, ‹amma eegaa gooftaan kiyya hujii kiyya ka soortuumma'aa irraa na geegessu'uuf, eegaa maal yoo raawwadhe naaf woyya? Qotu'uuf huminna hin qabu, hin danda'u, kadhachuun ammoo ana saalfachiisa,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Hojjataan sunillee garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu kadhachuullee hin saalfadha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Hojjataan sun garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu; kadhachuullee hin saalfadha.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 16:3
26 Referans Kwoze  

Kana sababaan jenneef'llee jidduu kessan huji maleeyyiin tokko tokko akka jiran dhagayuu keennaan, namoonni kunniin waan isaan hin galchine keessa galu'uun kaanniin jeequu malee, womaayyuu hin hojjatan.


Achi'llee balbala, «Bareeda» jedhama'aa waamamutu jira ture, yeroo dhalatee jala qabee namichi naafa ta'e tokko namoonni guyyama guyyaan fidanii achi ni kaayaniin ture, inni'llee achi taa'ee, namoota gara Mana Waaqeffanna'aa aseenan irraa arjooma ni kadhata ture.


Olloonni isaatii fi namoonni yoo kadhatu ni arganiin turan, «Naminni kun ka taa'ee ni kadhata ture sanii mitii?» jedhan.


Inni'llee murtii uduu isi'ii hin kennin yeroo baayi'ee ni ture, maa'ii garuu akkana jechu'uun ni yaade, ‹yoma Waaqa'llee sodachuu, nama'llee saalfachuu yoo dhabaadhe,


«Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame.


Qaaminni isaa guutuun mada'aan ka fudhatame Alaazaar ka jedhamutu hiyyeessi tokkotu ammoo, balbala isaa ciisee jira ture,


«Inni'llee yaada isaa titti, ‹midhaan kana mara bakka itti wolitti qabu waan hin qabnneef, maal haa taasisu?› jedha'aa, ni yaada ture.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara magaalaa Iyyaarikoo ni dhufan. Dabrree'llee magaala'aa bayee yeroo deemutti, ummanni haalaan baayi'e'ee isa ni horddofaniin ture. Karaa bira ammoo ilma Xeemeewosii ka ta'e Barxiimewos ka jedhamu namichi jaamaan tokko taa'ee ni kadhata ture.


amma garuu ka'iitii gara magaala'aa aseen, wonitti raawwachuu qabddu achumatti sitti ni himama» jedheen.


«Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen.


Namichi dureessichi'llee namicha sooru waamisisee, ‹wonitti si irratti dhagayu kun maal'i? Ammaa achitti namicha sooru kiyya ta'u'uuf hin dandeetuutii, qabeenna kiyya ka namicha sooru maatii kiyyaa taate ittiin hojjata'aa turtte, herreega qabeenna kiyyaa naaf dhiyeessi!› jedheen.


mee turi! waan raawwadhu ni beeka, hujii kiyya ka soortumma'aa irraa yeroo geegefamutti, waahellan mana isaanii titti ufitti ana fudhatan, akka qabaachuu danda'u ni taasisa› jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite