Gara Worra Filiphisiiyusii 4:8 - Waadaa Haarawa8 Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa. Gade chapit laWAADAA LAMMATAA8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. Gade chapit laKitaaba Woyyuu8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. Gade chapit la |
Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.
Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.