Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:6 - Waadaa Haarawa

6 Kanaaf waayee waan maraatiifuu kadhanna'aan, kadhachu'uu fi galataan Waaqaaf dhiyeessaa malee, waayee woma kamiitiifuu hin sarddaminaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:6
45 Referans Kwoze  

Inni waayee keessaniif waan yaaduuf, yaada isin sarddamisiisu maraa isa irratti gataa.


Isin garuu, Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin kadhatiniin, durssee waan beekuuf, akka isaanii hin ta'inaa.


Waaqa dammaxxanii galateeffachu'uun, uduu addaan hin kutin kadhadhaa


Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa.


Karaa Yesusiitiin Waaqa Abbaa galateeffata'aa jechaan ta'ee huji'iin waan raawwattan maraa maqaa Gooftaa Yesusiitiin raawwadhaa, isaan'llee Waaqa Abbaa galateeffadhaa.


Kanaan duubatti Yesus uduu hin hifatin yeroo mara kadhachuu akka qaban barsiisu'uuf, fakkeenna kana isaanitti ni hime,


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Kanaaf lubbuu keessaniif, ‹maal nyaanna? Qaama keessaniif'llee maal uffanna?› jechu'uun, waayee jireenna keessaniitiif hin sarddaminaa isiniin jedha.


Kutaawwan qaama tokkoo taatanii dhugamaanuu ka waamamittan nagaya kanaaf waan ta'eef, nageenni Kristosii onnee keessantti haa moo'u, ka galateeffattan'llee ta'aa.


Maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin waayee waan maraatiifuu, Waaqa Abbaa yeroo mara galateeffadha'aanii.


Gooftaan Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebiseef, «Maaritaa, Maaritaa, ati waan baayi'een ni sarddamtta, ni jeeqamtta'lle'e,


Waaqinni eegaa, halkanii fi guyyaa iyya'aa ummata isa kadhatan, isaatiif hin murtteessuu ree? Shilla jechu'uun hoo gargaarssa isaa isaan, irraa ni tursiisaa ree?


namoonni gara yaa'ii murtii titti yoo isin dhiyeessan, waan isin dubbattan yeroo sanitti isinii waan kennamuuf, ‹attamitti yookiin maal dubbanna?› jettanii, yaadu'uun hin sarddaminaa.


«Kanaaf, ‹maal nyaanna? Maal'llee dhuginna?› jettanii yaadu'uun, hin sarddaminaa.


Isin'llee kadhanna'aan nu gargaaruun ni mala, kadhannaa baayi'e'een nu'u gargaarssa Waaqaa yoo argannu namoonni baay'een ammoo, waayee keennaan Waaqa ni galateeffatan.


Kanaaf yaada kamiinuu uduu hin sarddamin akka jiraattaniif ni jaaladha, haadha worraa ka hin fuudhin Gooftaan waan ittiin gammadu waan barbaaduuf yaanni isaa ka xiyyeeffatu, hujii Gooftaa laalu irratti.


Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.


Qoree ximmiraayaa jiddu'utti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii Waaqaa yero'oof dhagayuuti, haa ta'u malee yaadinni biyya lafaa kanaatii fi jaalalli qabeennaa gara onnee isaa aseenee, dubbicha waan dhudhuuf firii malee ni hafa.


Yeroo Waaqinni si waametti garba turtte ree? Yoma taate'llee womaa miti, itti hin sarddamin, carraa bilisa bayu'uu yoo argatte garuu, carraan kun si harkaa hin bayin.


Boru mataa isaatii ni sarddama, boruuf hin sarddaminaa, guyya'aan hammeenni isaatuu ni gayaan.»


Waaqaa waaqeffachu'uu fi jireenna ulfinnaan guuttameen kadhata'aa, kadhannaa, worwwaataa fi galanni namoota maraaf, akka taasfamu ni gorssa.


Dhugamaanuu haadha hiyyeessaa taatee adda isi'ii titti ka jiraattu, abddii isi'ii Waaqa irratti taasfattee halkanii fi guyyaa gargaarssa Waaqaa kadhachu'uun, kadhanna'aan jabaattee ni jiraatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite