Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:10 - Waadaa Haarawa

10 Yeroo baayi'e'een duubatti deebitanii waayee rakkinna kiyyaatiif yaaduu waan jala qabddaniif, Goofta'aan gammachuun ol aanaa ta'e natti ni dhagayama, kana'llee yoo jedhu waan yaadanii jirttan huji'iin muldhisu'uuf carraa hin arganne ture jechuu kiyya malee, waayee rakkinna kiyyaa yaaduu keessan addaan kuttanii jirttan jechuu kiyyaa miti.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Haata'uu ammoo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii yaaduu waan jalqabdaniif, Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Haa ta'uu ammo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii waan yaaduu jalqabdaniif Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:10
11 Referans Kwoze  

Isin woliin yoo jirutti rakkoon yeroo narra gayetti obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufan, waan ana barbaachisu maraanuu ana gargaaran waan tureef eennuun irratti'llee ba'aa hin taane, haga ammaa isin irratti womaanuu ba'aa hin taane, ufi duranaaf'llee ba'aa isinitti hin ta'u.


Dubbii isaa naminni baratu barsiisaa isaa woliin, waan mishaa maraa haa qoodamu.


Isin yeroo yaadadhu marattuu Waaqa kiyya ni galateeffadha,


Yeroo mijaayaa yoo arganne namoota maraaf gonkumaa maatii namoota hin amanneetiif, waan mishaa haa raawwanuu.


dubbii dhuga'aatii fi huminna Waaqaatiin. Ittiin midha'aa fi ta'ee meshaan ittiin ufi irraa ittiin ittisaa'llee qulqullaayumma'a,


Isin dhiyeennatti argamittanii gargaarssa naaf raawwachuu hin danda'in inni guutu'uuf jedhee, waayee hujii Kristositiif lubbuu isaatiif uduu hin sodaatin haga du'uu titti dhiyaatee ture.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite