Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:5 - Waadaa Haarawa

5 Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:5
16 Referans Kwoze  

Isaan Ibiroota moo? Ani'llee Ibraawicha, Isaan Israa'eeloota moo? Ani'llee Israa'eelicha, isaan fiixaa Abrahaamiitii moo? Ani'llee fiixaa Abrahaamiiti.


Mee ammoo si haa gaafadhuu, Waaqinni ummata mataa isaa gatee jira ree? Gonkumaa hin gatinneen! Ani mataan kiyyaa Israa'eelcha, fiixaa Abrahaamiitii ka ta'e, gosa Biiniyaamiiti.


Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate.


«Ani Kiliiqiya'atti ka argamttu magaalaa Xerseesii titti Yihudicha dhaladhe, ka guddatee garuu magaalaa Yerusaalemii kanatti. Barsiisaan kiyya'llee Gamaalyaatiin ture, Aadaa abbootii kiyyaa'llee xumuree ka baradhee fi akkuma adha isin raawwattan kana, Waaqa'llee hinaaffaa hafuuraatiin ka tajaajilu ture.


Daai'mnni dhalatee guyyaa saddeetaffaa titti, naamusa gadoomaa daa'imaa irratti argamu'uuf, olloonni isi'iitii fi firoonni isi'ii wol gayanii ni dhufan, maqaa abba'aatiin Zakaariyaas jedhanii isa waamu'uuf barbaadanii turan,


Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.


Guyyaa saddeetiin duubatti naamusa daai'mnni itti gadoomu irratti, maqaan isaa «Yesus» jedhamee ni waamame. Kun'llee uduma gadaamessaa haadhaa titti hin uumaminiin duranatti, maqaa maleyikkichi isaaf baase.


Kanaaf daadhii woyinni'ii haarawa qalqala haarawatti kaayuun ni mala,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite