Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:20 - Waadaa Haarawa

20 Nu'u garuu lammiiwwan mootummaa sami'iiti, achii'llee ka dhufu Fayyisaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, hawwi'iin ni eeggannaan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

20 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammoo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

20 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:20
36 Referans Kwoze  

Knaaf isin Qulqullaayotaan woliin dhalataa biyya tokkootii fi maatii Waaqaat malee, ammaa achitti keessummootaa fi galttootaa miti.


Nu'u ka eegganu waan hin muldhanne malee ka muldhatuu miti, wonitti muldhatu ka yero'ooti, ka hin muldhanne garuu ka bara baraati.


Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.


Wongeelli dubbii dhuga'aa ta'e jalqaba gara keessan yeroo gayetti abddii isa keessa jiru dhageettanii jirttan, kanaaf amantii keessan fi jaalalli keessan ka hunddaaye sami'itti qophaayee ka isiniif turu, abddii kana irratti.


Waaqinni karaa Kristos Yesusiitiin isaan woliin du'aa nu kaasee, bakka sami'ii isaan woliin nu ni kaaye.


Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.


Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan.


Akkuma kana Kristos cubbuu namoota baayi'ee dhabamissiisu'uuf yeroo tokko du'ee jira, dabalee'llee cubbuu baadhachu'uuf uduu hin ta'in worra isaa eeggatan fayyisu'uuf, yeroo lammaffaa'llee ni muldhata.


Ol sami'ii ka taate Yerusaalem garuu isiin bilisa, isiin'llee haadha mara keennaati.


Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.


Kanaaf muldhachuu Gooftaa keenna Yesus Kristosii eeggachu'uun yeroo jiraattantti, kennaan hafuurayaan woyiituu isin irraa hin dhidhatu.


«Isin namoonni Galiila'aa, maali'iif gara samii ol laalaa dhaabattanii jirttan? Kun gara sami'ii ol yoo deebi'u Yesusiin argitan, bifuma gara samii ol yoo deebi'u argitaniin, deebi'ee ni dhufa» isaaniin jedhan.


Yesus'llee, «Muda maleessa ta'uuf yoo barbaadde deemiitii waan qabddu maraa gurguriitii qarshii hiyyeesotaaf kenni, sami'itti qabeenna ni argatta, koottuutii'llee ana horddof!» jedheen.


Qoonqqa ajajaa, qoonqqa itti gaafatamaa maleyikkootaa, xurunbbaan laali'ii Waaqaa'llee ni dhagayama, Gooftaan mataan isaatuu kanniiniin marffamee sami'ii ni bu'a, Kristostti amananii worri du'an'llee durssanii ni ka'an.


Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.»


Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen.


Kun'llee waan fooyaye qorattanii akka beekittanii fi guyyaa Kristos deebi'ee dhufutti, Qulqullu'uu fi worra heeyibiin isinitti hin jirre taatanii, akka argamttaniif.


«Mataa isaatiif arddii irratti qabeenna ka wolitti qabatu, Waaqa duranatti garuu naminni hiyyeessa ta'e, akkanuma kana ni ta'a.»


Lafaa irraa ka ta'an akkuma ka lafa irraa uumamaniiti, sami'ii ka ta'an akkuma isa ka sami'ii dhufeeti.


Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite