Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:15 - Waadaa Haarawa

15 Eegaa nu'u worri jireenna Hafuuraatiin jabaanne marrinuu yaada kana fakkaate kana qabaachuu ni qabnna, Yaanni ittiin gargar baatan jidduu keessan yoo jiraate, yaada kana'llee Waaqinni ifa isiniif ni taasisa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

15 Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan; Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:15
21 Referans Kwoze  

Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.


Garuu kana irraa yaada adda ta'e akka hinqabaanne dhugaalessa ta'ee Goofta'aan ni amana, eennu'llee dubbii bitaa ka isinitti taasisu yoo jiraate adabbii isaa ni fudhata.


Garuu jireenna hafuuraatiin worra bilchaataniif dubbii ogumma'aa ni dubbanna, haa ta'u malee ka dubbannu ogummaa biyya lafa tanaa yookiin badii muumme'ee titti ka ta'u, ogummaa beekittota biyya lafa tanaatii miti.


Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata.


Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa.


Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.


Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a.


Tokkoon tokkoon namaa Kristosiin nama gayeessaa akka ta'u taasfnnee dhiyeessu'uuf nama maraaf ogummaa mara barsiisu'uu fi gorssu'uun, waayee Kristosii ni lallabnna.


Nu'u amanti'iin cicimoo ka taane, dadhabbii dadhabiddootaa baadhachuu ni qabnna malee, mataa keenna qofa worra gamachiifnnu ta'uu hin qabnnu,


Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef.


Garuu dubbii Waaqaatiif ka ajajamu marrinuu jaalallitti inni Waaqaaf qabu muda maleessa, dhugaamaanuu ka isaan jiraannu ta'uun keenna'llee ka beekkamuun kanumaan,


Ka fayyadu'llee naminni Waaqaa muda maleessa akka ta'uu fi hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uuf, gayaa ta'ee akka argamuuf.


Kitaabban nabiyyootaa titti, ‹namoonni marrinuu Waaqa irraa ka baratan ni ta'an› jedhamee barreeffamee jira, kanaaf Waaqa Abbaa irraa dhagayee ka barate marrinuu gara kiyya ni dhufa.


Ulfinni ka isaan malu Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni Abbaan caala'atti isa beeku'uuniif akka dandeettan, hafuurri ogumma'aa fi muldhataa akka isiniif kennamu ni kadhadha.


Waayee ufii keessan wol jaalachu'uu isin mataan keessanuu Waaqa irraa waan barattaniif, waayee dhimmichaa womaayyuu isiniif barreessuu hin barbaachisu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite