Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:13 - Waadaa Haarawa

13 Yaa obboleeyyan! Amma'llee akka waan achi gayee titti hin lakkaayu, garuu waan tokko ni raawwadha, waan duuba kiyyaan jiru iraafata'aa ka fuundura kiyyaan jiru qabu'uuf ni hiixadha.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haata'uu ammoo waan tokko hin godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixaadha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haa ta'uu ammo waan tokko godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixadha.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:13
15 Referans Kwoze  

Yesus'llee, «Qotu'uuf irffii qabatee gara duubaa naminni laalu, Mootummaa Waaqaatiif ka malee miti!» jechu'uun ni deebiseef.


Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.


Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.


Eegaa barsiisa jalqaba ka waayee Kristositiif kenname dhiifinnee, gara barsiisa muda maleessa ta'ee titti haa dabrrinuu, hujii du'e irraa dhiifamaan deebi'u'uu fi hunddee Waaqatti amanu'uu deebinee haa hunddeessnu,


Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.


garuu wonitti barbaadamaan waan tokko qofa, Maariyaam waan fooyyaye filattee jirtti, isa'llee ka isii irraa fudhatu eennu'llee hin jiru.»


Yaa waahellan! Isin garuu Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa, woggaan kumaa'llee akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa, waan tokko kana hin dagatinaa.


Ammaa achitti nu'u nama kamiinuu laalcha isaa ka fooniitiin hin laallu, kanaan durana Kristosiin'llee ka laaleen akka nama kamiituu laalcha fooniitiin yoo ta'e, ufi duranaaf garuu kana hin raawwannu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite