Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1 - Waadaa Haarawa

1 Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen, Goofta'aan gammadaa'a waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammoo nagaya.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen Goofta'aan gammadaa'a; waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammo nagaya.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1
46 Referans Kwoze  

Yeroo maraa Goofta'aan gammadaa, dabalee'llee, «Gammadaa!» jedha.


Kana qofa'llee uduu hin ta'in Waaqaan woliin araara ka itti arganne karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin'llee, Waaqaan ufi ni dhadinna.


Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa.


kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.


Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.


Waan hafeen marri keessanuu ufii keessan wolii galu'uun jiraadhaa, rakkinna nama bira'aa akka mataa keessan taasisa'aatii laakkayaa, jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa, mishaawwanii fi gara laafeyyii ta'aa.


Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.


Yaa waahellan! Kun ka isiniif barreessu ergaa lammaffa'aat, ergaa lamaanuu ka isiniif barreesse wonittoota kanniin yaadachu'uun yaada qajeelaa akka qabaattan, isin kakaasu'uuf jedheeti.


Waan hafeen Goofta'aa fi huminna isaa ol aana'aan jabaadhaa,


hafuurri kiyya'llee Waaqa qoricha kiyyaan ni gammaddi,


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Mootummaa Waaqaa titti gatiin argattan guddaa waan ta'eef gammadaa, ilili jedhaa'llee. Isiniin durana worra turan nabiyyoota irra'llee akkuma kana ari'amu'uu fi rakkinni'llee isaan irra gayee jira.»


Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Waaqa gammachiisu'uuf attamitti jiraachuu akka qabddan nurraa barattanii jirttan, amma'llee ka jiraattan akkanumatti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ka isin kadhannuu fi ka isin gorssinu'llee, waan asiin durana raawwattan caala'atti akka raawwattaniif.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite