Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:6 - Waadaa Haarawa

6 Inni yeroo maraa amala Waaqumma'aa ni qaba, haa ta'u malee Waaqaan woliin waan qixa isa taasisu, amala huminna Waaqa jiraata'aa, akka qabatetti hin lakkoofnneen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Inni uduu amala Rabbiitiin jiraata'aa jiru, Ulfinna Rabbumma'aa ka Rabbiin woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:6
37 Referans Kwoze  

Jechi kun'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, Yesusiin akka ajjeessaniif caala'atti isaan ni kakaase, kun'llee ka ta'e inni Sanbbata diiguu isaa qofaaf uduu hin ta'in, «Waaqinni abbaa kiyya» jechu'uun, mataa isaa Waaqaan waan wol qixxeesseef.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira.


Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.»


Kanaan duubatti'llee akkana naan ni jedhe, «Raawwatamee jira! Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, ka dheeboteef bishaan burqqaa jireennaa irraa gatii tokko malee bilisaan ni kennaaf,


Anii fi Waaqinni Abbaan tokko.»


Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu.


Isaan'llee, «Nu ka si woqaruuf waayee Waaqa irratti dubbii arrabaa dubbachuu keetiitiif malee, waayee hujii kee misha'aatiifii miti, kun'llee ati nama taatee uduu jirttu, mataa kee Waaqa waan taasfitteef» jechu'uun, ni deebisaniif.


Isaan dhaloota isaaniitiin abbootii gosaa irraa ka dhufan, Kristos'llee fooniin ka dhufe fiixaa isaanii irraayyi, inni ka maraayyuu oliiti, bara baraaf'llee Waaqa eebbifame, Ameen.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.


Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe.


Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha.


Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.


«Kunoo, durbbi duudaan ni ulfooftti, ilma dhiiraa'llee ni deetti, maqaan isaa'llee ‹Amaanu'eel› jedhamee, ni waamama. Amaanu'eel jechuun'llee, Waaqinni nu'u woliin ni jira» jechu'u.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Yaa Filiphos! Yeroo kana mara isi'iin woliin yoo jiraadhutti, ana hin beekittu moo? Ana ka arge Waaqa Abbaa ni arge, eegaa ati, ‹Waaqa Abbaa nutti muldhisi› attamitti jetta ree?


Waayee Ilma isaa garuu, Yaa Waaqa! teessoon kee bara baraa haga baraa titti ni jiraata, Mootummaa kee'llee qajeelatti ni bulchita,


Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.


Ani ni deema, deebi'ee'llee gara keessan ni dhufa, akka jedhe dhageettanii jirttan, abbaan kiyya isin waan caaluuf ka najaalattan uduu ta'ee, gara Waaqa Abba'aa deemuu kiyyaan ni gammadan ture.


Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen.


Kana nugusa bara baraa ka hin duune, ka hin mulidhanne, Waaqa tokkochaaf ulfinnaa fi galanni baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite