Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22 - Waadaa Haarawa

22 Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

22 Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22
20 Referans Kwoze  

Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa.


Ilima kiyya ka jaalatame Ximotewosiif, Waaqa Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee si'iif haa ta'u.


Amanti'iin ilma kiyya ka dhuga'aa ka ta'e Ximotewosiif, Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamnni, nageenni'llee siif haa ta'u.


Ergaa san'llee isiniif ka barreesse qormaatamittanii waan maraanuu ajajamittoota ta'uu keessan, hubachu'uuf jedheeti.


Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli,


Yeroo baayi'ee karaa baayi'een qoratamee hisataa ta'ee ka argame obboleessa keenna Tiitoosiin woliin ka ergineef'llee waayee kanaan, inni amantiin isin irratti qabu guddaa waan ta'eef, amma hujii kanaan gargaaru'uuf hisanni inni qabu, ka yeroo kamiinuu caalu.


Amantii wolitti qabnnuun dhugamaan ilma kiyya ka taate Tiitosiif, Waaqa Abba'aa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni siif haa ta'u.


Ati garuu barsiisa kiyya, akkaataa jireenna kiyyaa, kaayyoo kiyya, amantii kiyya, obissa kiyya, jaalala kiyyaa fi waan qabadheen jajabaachuu kiyya horddof,


Waayee haala keessaniitiif onnee guutu'uun ka yaadu Ximotewosiin malee, nama bira'aa ani hin qabu.


Kanaaf jaalala keessan isaaniif ibisaa, bifa kanaan jaalala keessan fi dhaadannoon isin irratti qabnnu, tasa ta'uu dhabuu isaa woldayoota kristaanotaa marattuu ni muldhifttan.


Eegaa kana ka isiniin jedhu isin ajaju'uunii miti, garuu hisata kenna'aa ka kaanniinii isiniin woliin wol biratti laalu'uun jaalalli keessan dhugaalessa ta'uu mirkaneessu'uuf jedheeti.


Ximotewos obboleeyyan Lisxiraa fi Iqoniiyumiin jiran biratti, maqaa mishaa qaba ture.


Obissaan'llee qormmaataan dhaabachuu, dhaabachu'uu irra'llee, abddiin ni argama.


Ximotewos gara keessan yeroo dhufutti sodaa malee si woliin akka ta'uuf gargaara'aanii, inni'llee akkuma kiyya hujii Goofta'aa ni hojjata.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.


Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.


Barsiisa kana amantoota uduu hubachiifttee, dubbii amanti'iitii fi barsiisa mishaa horddofttu soorata'aa ka guddatte, tajaajilaa Yesus Kristosii mishaa ni taata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite