Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9 - Waadaa Haarawa

9 Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif; daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii qajeellotaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkumsaa fi hubannaa maraan akka ka duraa caalaa guddatee badhatu ani kana isinii kadhadha.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9
19 Referans Kwoze  

Akkuma nu'u isin yaannutti Gooftaan ufii keessan fi kaanniin maraaf'llee jaalallitti qabddan, akka guddatuu fi akka baayi'atu isiniif haa taasisu.


Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne.


ka Kristosii ta'uu keennaan wonitti qabnnu mishaan marrinuu ifatti akka beekkamuuf, amantii kee kaanniiniif qoodu'uuf akka hisattu ni kadhadha.


Bifa ka isa uumeetiin beekkomisaan haareffama'aa ka deemu, amala haarawa uffadhaa.


Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa.


Isin amanti'iin, haasayaan, beekkomisaan, hisataan, jaalala nu'uuf'llee qabddanii fi waan maraanuu ni caalttan, hujii arjoomaa kanaan'llee akka caalttan haa ta'u.


Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa.


Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.


kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen.


Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a.


Kanaaf fedhiin Goofta'aa maal akka taate hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa.


Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Waaqa gammachiisu'uuf attamitti jiraachuu akka qabddan nurraa barattanii jirttan, amma'llee ka jiraattan akkanumatti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ka isin kadhannuu fi ka isin gorssinu'llee, waan asiin durana raawwattan caala'atti akka raawwattaniif.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite