Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7 - Waadaa Haarawa

7 Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7
34 Referans Kwoze  

Kana'llee ka jedhuuf isin irratti murteesu'uufii miti. Akkuma asiin durana isinitti hime, isin onnee keenna keessa jirttan, kanaaf jireennaan ta'ee du'aan'llee, yeroo maraa isin irraa hin fooyaminnu.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.


Nagaya kana harka kiyyaan ka barreesse ana Phaawulos, birbiraataan hidhamee akka jiru yaadadhaa. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin woliin haa ta'u.


Haa ta'u malee isin qoodamtoota rakkinna kiyyaa taatanii arigamuu keessaniif, mishaa ni raawwattan.


Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa.


Kanaaf ani Phaawulos hidhamaa Yesus Kristosii ka ta'eef, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef jedheeti.


Haa ta'u malee magaalaa marattuu hidhaa fi rakkinni akka ana qunnamu, Hafuurri Qulqulluun natti himee jira.


Nu obboleeyyan keenna waan jaalannuuf du'a gara jireennaa titti ce'uu keenna ni beekinna. Jaalala naminni hin qabnne gaaddisa du'aa keessa ni jiraata.


Jireenna kanaan haga yeroo ittiin jiraadhuu titti isin yeroo maraa kakaasuun, sirrii ta'eeti natti mulidhata.


kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.


Isin marrinuu namoota ifaa, namoota guyya'aati'llee, nu'u namoota halkanii yookiin namoota dukkanaatii miti.


kanaan woliin'llee Waaqinni dubbii isaatiif balbala akka nuuf banuu fi waayee isaatiin hidhamee bakka ani itti argamu kanatti, dhossaa Kristosii lallabu'uuf akka dandda'u nuuf'llee kadhadhaa.


Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.


Yesus Kristosiin ka jiraatuuf jaalala irratti hunddaayee amantii hojjatu malee, gadoomuu ta'ee gadoomuu dhaabuun, faayiddaa woyiituu isaa hin kennu.


Naminni marrinuu ka isin beekuu fi ka isin dubbisu onnee keennatti ka barreeffamittan, xalayaawwan keenna ka irkisaa isin.


Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata.


Kana maraa raawwachuun kiyya eebba wongeelaa qoodamu'uuf, waayee wongeelaatiif jedheeti.


Ajajaan'llee dhiyaatee Phaawulosii qabeeti, birbiraata lamaan akka hidhamu ni ajaje, kanaan duubatti eennuun akka ta'ee fi maal akka raawwate'llee beekuuf barbaadee, ni gaafateen.


Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.


Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.


Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan.


Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran.


Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.


Waayee wongeelaatiin asitti hidhamee yoo jiru bakka kee bu'ee akka ana tajaajiluuf, inni ana woliin uduu ta'ee jiraateetii ni gammada ture,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite