Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:28 - Waadaa Haarawa

28 Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

28 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

28 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:28
24 Referans Kwoze  

Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Kanaaf abddii taasfachuun, «Gooftaan gargaaraa kiyya hin sodaadhu, naminni maal narratti raawwachu'uuf danda'aa?» ni jenna.


Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.


Akkuma isin beekittantti asiin durana Filiphisiiyuus yeroo turretti, rakkinnaa fi arrabnni nurra gayee jira. Garuu mormmiin ol aanaan yoma nurra gaye'llee wongeelichaa isin akka barsiifnnuuf, Waaqinni keenna uggiinsa nuuf kennee jira.


Naminni marri'llee fayyisuu Waaqaa haa argu!› »


Eegaa ergaan fayyisummaan Waaqaa ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef akka ergame beekaa, isaan'llee tole jedhanii isa ufitti ni fudhataniin.


Inni'llee yeroo dhufetti waayee cubbu'uu, waayee qulqullaayomaatii fi waayee sababa murti'ii'llee, namoota biyya lafaa ni saaxila.


Yesus'llee namicha harka naafaatiin, «Koottuutii jidduu dhaabadhu!» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite