Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27 - Waadaa Haarawa

27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

27 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

27 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27
53 Referans Kwoze  

Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.


Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha.


Kanaaf yaa waaheloota! Kun marrinuu guyyaa itti ta'u eeggachuu irra yoo jiraattan, Gooftaa heeyibii malee yookiin ashaa malee taatanii nagayaan akka isin argatuuf, dammaqinnaan jiraadhaa,


Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna.


Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.


Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Waaqa gammachiisu'uuf attamitti jiraachuu akka qabddan nurraa barattanii jirttan, amma'llee ka jiraattan akkanumatti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ka isin kadhannuu fi ka isin gorssinu'llee, waan asiin durana raawwattan caala'atti akka raawwattaniif.


Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.


Ammaan durana yeroo baayi'ee akka isinitti himee fi amma'llee imimmaan kiyya jissa'aa akkuma isinitti himu mara baayi'eewwan adeemissa isaaniitiin, diinota fannoo Kristosii ta'anii jiran.


Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.


Amanttoonni marrinuu yaada tokkoo fi onnee tokko'llee ni qaban ture, naminni kum'llee «Kun kiyya» kun kiyya waan jedhu womaayyuu hin qabu ture, jidduu isaanii titti wonitti marrinuu ka wolii ture,


eegaa wonittoonni kunniin marrinuu haala kanaan ka badan yoo ta'e, eegaa isin Qulqullumma'aan Waaqa Waaqeffachu'uun jiraachuun attam isin irraa hin malle ree?


Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.


Ani dubbii Wongeelaa titti hin saalfadhu, dubbiin wongeelaa jalqaba Yihudota, itti aansee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, akkuma kana namoota amanan maraa fayyisu'uuf ka danda'u, huminna Waaqaati.


Namoonni nagaya jaalattoonni nagaya facaasanii, firii qulqullaawomaa wolitti ni qaban.


amantii Gooftaa Yesusiin qabdduu fi jaalala amanttootaaf'llee qabddu dhagayee jira,


qarshii isaanii'llee akka isaan jalaa hin hanneef isaan gorssi, kana irra barsiifnni Faayyisaa keenna Waaqaa, waan maraanuu akka kabajamu, yeroo maraa amanamummaa dhuga'aa haa muldhisan.


Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira.


amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni tokko tokko sammuu isaanii gatuu isaaniitiin akkuma dooniin danbalii bishaaniitiin badu, amantii isaanii balleessanii jiran.


Barsiifnni dhuga'aa garuu ka argamu waayee ka galateeffamee waayee Waaqaa ka dubbatu wongeela kabajamaa irraayyi, wongeelli kun'llee anaaf yabo'oon ka kenname.


Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,


Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun ni kufa. Akkuma kana magaalaan tokko yookiin maatiin tokko, ufii isaatii adda yoo fooyame jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u.


Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira.


Amantii Yuesus Kristosiin qabddanii fi jaalala amanttoota maraatiif qabddan maraa, dhageennee jirra.


Gonkumaa ani mataan kiyyaa dadafaan gara keessan dhufu'uuf akka dandda'u, Gooftaan ana gargaara jedhee ni amana.


Kanaaf amantii Gooftaa Yesusiin qabddanii fi Qulqullaayomota maraaf'llee jaalala qabddan dhagayee,


Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.


Kana'llee ka jedheef worri dubbii isinitti bitaa taasisanii fi wongeela Kristosii'llee dabssu'uuf ka barbaadan, namoonni tokko tokko waan jiraniif malee jalqabatti wongeelli tokko qofa.


Tajaajilli arjjoomaa keessan kun isin wongeela Kristosii fudhattanii amanamoota ta'uu keessan fi isaaniif kaanniinii'llee arjjoomuu keessan ka mirkaneessu waan ta'eef, marrinuu Waaqa ni galateeffatan.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


Gara keessan yeroo dhufutti'llee eebba Kristosii guutumma'aan isiniif qabee, akka dhufu ni beeka.


Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.


Akkuma kana akkana jedhamee barreeffamee jira, «Dubbiin Waaqaa si bira ni jira, gonkumaa afaan keetii fi onnee tee keessa ni jira» Dubbiin kun'llee, ka nu'u lallabunnu dubbii amanti'iiti.


Yeroo maraa kadhannaa kiyyaan akka isin yaadadhu, wongeela waayee Ilma isaa dubbatu'llee barsiisu'uun, Waaqinni onnee tiyya guutu'uun tajaajilu, ragaa kiyya.


Waayee maqaa Kristositiif ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka amananii fi akka ajajaman taasisu'uuf karaa isaatiin, kennaa isaa ka bilisaa ka ergamitumma'aaf isaan geessu fudhannee jirra.


Guyyaa muraasaan duubatti Feeliks haadha worraa isaa Yihudittii Drusilaa jedhamttu woliin ni dhufe, Phaawulosiin'llee waamsisee, waayee Yesus Kristostti amanuu, yoo dubbatu ni dhagaye.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


Nu'u garuu lammiiwwan mootummaa sami'iiti, achii'llee ka dhufu Fayyisaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, hawwi'iin ni eeggannaan.


Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite