Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:23 - Waadaa Haarawa

23 Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

23 Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:23
24 Referans Kwoze  

Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.


Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.


Uduma dhaga'aan isa woqara'aa jiran Isxifaanos, «Yaa Gooftaa Yesus! Lubbuu kiyya fudhadhu!» jedhee ni kadhate.


Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha, adhumaan kana ana woliin, gara jaayinataa ni aseentta» jedheen.


Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.


«Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha.


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


Kanaan duubatti nu'u worri lubbu'uun argaminnu Gooftaa qilleenssa gubba'atti simachu'uuf, isaaniin woliin duumessaan ol ni butaminna, bara baraaf'llee Gooftaa woliin ni jiraanna.


Deemee bakka eega isinii qopheesseen duubatti bakka ani jiru akka jiraattaniif, lammaffaa deebi'ee isin ni fudhadha.


Garuu ani ka cuuphamu cuuphama sarddamaa ni qaba, inni'llee haga raawwatamutti boqannaa hin qabu.


Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati.


Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.


Namichi hafuuronni jinniiwwan bayaniif'llee Yesusiin, «Yabo'oo si haa horddofuu» jedhee, ni kadhateen. Yesus garuu akkana jedhee ni geegesseen.


Yaa obboleeyyan! Gara keessan dhufuun keenna gati dhabeessa akka hin ta'in, isin mataan keessanuu ni beekittan.


Isinittu jaalala keessan nu dhoogate malee, nu'u isin hin dhooganne.


Gara biraatiin lubbuun jiraachuun isiniif ka haalaan woyyaa ta'ee fi barbaachisa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite