Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:13 - Waadaa Haarawa

13 Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:13
17 Referans Kwoze  

Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.


Kanaaf ani Phaawulos hidhamaa Yesus Kristosii ka ta'eef, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef jedheeti.


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa.


Phaawulos'llee, «Yeroo gabaabdutti ta'ee yookiin yeroo dheeratti, si qofa uduu hin ta'in adha worri haasaya kiyya kana dhagayan marrinuu, hidhaana kiyya kanaa achitti, akkuma kiyya akka ta'aniif, Waaqa ni kadhadha» jedhe.


Amanttoonni kuunniin marri'llee keessummaanuu, maatiiwwan worra nugusa Roomaa ka ta'an, nagaya isinii ni dhiyeessan.


Phaawulos mana kireeffate keessa woggaa lamaaf ni taa'e, namoota gara isaa dhufan mara'llee ni simata ture.


Amma'llee ka isin waamsiseef, isin arguu fi kana'llee isinitti himuuf, ani birbiraata kanaan ka hidhameef, waayee abddii ummata Israa'eelii Kristosiitiif kennameetiin.»


Guyyaa sadiin duubatti Phaawulos Roomaa worra jiraatan namoota Yihudotaa ol aanttota ni waamsise, yeroo wolitti qabamantti'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan tiyya, ummata Israa'eelii irrattii fi seera abbootii isaanii irratti wonitti raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, haa ta'u malee Yerusaalemtti hidhamee worra Rooma'aatiif dabarffamee ni kenname.


Achii'llee bayanii yoo deeman, «Naminni kun du'aaf yookiin hidhaanaaf waan isa gayu, woma tokkoo hin taasfnne» woliin jedhan.


Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.


Kanaf amma anaan woliin qoodamtoota rakkinnaa taatanii jirttan, rakkinni kun'llee asiin durana narra gayee ka argitanii fi amma'llee ka narra gaye ta'uu ka dhageettan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite