Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12 - Waadaa Haarawa

12 Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12
19 Referans Kwoze  

Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.


Worra Waaqa jaalatanii fi akka fedhii isaa'llee namoota waamamaniif, Waaqinni waan maraa mishumma'aaf, akka isaanii taasisu ni beekinna.


Eegaa ka nu jaalate Kristosiin wonittoota kanniin maraa injifachu'uun, worra injifattootaa maraa ni caala.


Amanttoonni bittinnaayan'llee bakka dhaqan marrattuu, dubbii Waaqaa ni barsiisan ture.


Kun'llee waayee maqaa kiyyaa ragaa bayu'uuf, carraa mishaa isiniif ni ta'a.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.


Eegaa bakka maraa dhiironni jiran dallanssu'uu fi wol dhaba dhabamisiisanii, harka isaanii ka Qulqullaawome qaban gara olii qabu'uun, akka kadhataniif ni barbaada.


Garuu ergaan karaa kiyyaan marrinuu akka himamuu fi ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka dhagayaniif, Gooftaan ana woliin ta'ee ana ni jajabeesse, afaan leenccaatii'llee fayyee jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite