Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:1 - Waadaa Haarawa

1 Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:1
48 Referans Kwoze  

Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e, Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Qorontoositti ka argamittan Woldaya Waaqaatii fi akkuma kana Akaayiyaa maratti ka argamittan ummata kristaanaa maraaf,


Tajaajilaa Yesus Kristosii ka ta'e, ergamittumma'aaf ka waamame, wongeela Waaqaa'llee barsiisu'uuf ka filatame, Phaawulosiin irraa ka ergame.


Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,


Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban,


Ta Waaqa Abbaa keennaatii fi ta Gooftaa keenna Yesus Kristosii ka taate woldaya amanttoota Tasoloonqe'eetiif Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ka ergame,


Worroota Waaqa Abba'aatii fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'an amanttoota woldaya Tasolonqe'ee ta'an, Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ergaa ergame, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif,


Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u.


Amanti'iin ilma kiyya ka dhuga'aa ka ta'e Ximotewosiif, Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamnni, nageenni'llee siif haa ta'u.


Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,


Isin akka hoolota baddee titti asii fi achi ni jettan ture, amma garuu gara tissicha lubbuu keessaniitii fi eegaa keessan, deebitanii jirttan.


Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.


Obboleessi keenna Ximotewos mana hidha'aatii akka baye akka beekittan ni jaaladha, dadafaan garana yoo dhufe isa woliin gara keessan dhufee isin ni laala.


Ka adabaman'llee guyyaa san qulqullaawotaan kabajamu'uu fi worra amanan mara biratti'llee maalalffatamu'uuf yeroo itti dhufutti. Isin'llee ragummaa keenna fudhattanii amanuu keessaniin, isaan woliin ni laakkayamttan.


Akkuma isin beekittantti asiin durana Filiphisiiyuus yeroo turretti, rakkinnaa fi arrabnni nurra gayee jira. Garuu mormmiin ol aanaan yoma nurra gaye'llee wongeelichaa isin akka barsiifnnuuf, Waaqinni keenna uggiinsa nuuf kennee jira.


Kanaaf amantii Gooftaa Yesusiin qabddanii fi Qulqullaayomota maraaf'llee jaalala qabddan dhagayee,


Ximotewos gara keessan yeroo dhufutti sodaa malee si woliin akka ta'uuf gargaara'aanii, inni'llee akkuma kiyya hujii Goofta'aa ni hojjata.


Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.


Ananiiyaas garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Naminni kun amanttoota kee ka Yerusaalemiin jiraatan irratti waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaa, baayi'eewwan irraa dhagayee jira.


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


Kun'llee, mana isaa dhiisee gara biyya fago'oo nama deeme ni fakkaata, inni'llee tokko tokkoo tajaajilaa isaatiif itti gaafatama hujii adda addaa irratti ramadee, woriddiyyichi'llee dammaqee akka eeguuf ni ajajeen.


Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.


Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,


Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi, Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame,


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


«Kun'llee wonitti ta'eef kitaaba Faarfanna'aatiin, ‹Manni inni keessa jiraatu duwwaa haa daawatu, eennu'llee keessa hin jiraatin, dabalee'llee muudama isaa naminni bira'aa irraa haa fudhatu› ka jedhu, barreeffamee waan tureef.»


Eegaa, ani ka barbaadu naminni akka ana galateeffatuuf moo? yookiin Waaqinni akka ana galateeffatuuf? yookiin nama gammachiisu'uuf ka barbaadu isinitti fakkaatee ta'innaa laata? Namoota gammachiisu'uuf ka barbaadu uduu ta'eetii, tajaajilaa Kristosii hin ta'uuyyu ture.


Yesus Kristostti amanu'uun marri keessanuu ijoollee Waaqaati.


Marri keessanuu Yesus Kristosiin tokko waan taataniif, Yihudichaa fi Giriikicha, tajaajila'aa fi Gooftaa, dhiiraa fi dubarttii jidduu, garaa garummaan woyiituu hin jiru.


Jaalala addaan hin cinneen Gooftaa keenna Yesus Kristosiin worra jaalatan maraaf, kennaan isaa ka bilisaa isaaniif haa ta'u.


Haala kanaan Yesus Kristos ka mulidhise hujiin mataa gad qabataa, jireenna keessan keessa'llee jiraachuu ni qaba.


Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.


Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.


Waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e ana Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Ka jaalatame obboleessa keennaa fi waahela hujii keennaa ka ta'e Filemona'aaf,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite