Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 9:21 - Waadaa Haarawa

21 Akkuma kana lubbuu ajjeefttummaa isaanii, falfaalaa isaanii, sagaagalttummaa isaaniitii fi hattummaa isaanii irraa gara Waaqaa titti hin deebine.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

21 Waan ajjeesuu isaaniillee yookiin waan asmaa isaanii yookiin waan seebaruu isaanii waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Waan ajjeesuu isaaniillee, yookaan waan asmaa isaanii, yookaan waan seebaruu isaanii, waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 9:21
24 Referans Kwoze  

garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.»


Akka sare'ee worroota raatayan, ka asmmaa hojjattoonni, sagaagalittoota, lubbuu ajjeefttota, waaqolee harkaan hojjatame waaqeffatoota, soba worra jaalatanii fi karaa dharaatiin worri deeman marrinuu, magaalatti'iin ala ni ta'an.


Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.


Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha.


nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»


Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.»


Namoonni dhiiga Qulqullootaatii fi nabiyyootaa waan jissaniif dhiiga isaan ni obaaftte, kun'llee ka isaaniin malu!»


Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu, falfala, diinummaa, mormmii, hinaaffaa, dallanssuu, mataa isaa jaalachuu, gargar bayiinssaa fi marri hamaa,


Hamaa yaaduu, nama ajjeesuu, sagaagaluu, gocha sagaagalaa raawwachuu, hatuu, dharaan ragaa bayuu, maqaa namaa balleessuu, kun marrinuu onnee namaa keessa ni baya.


Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»


Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf.


Bineenssi lammaffaa kun garuu namoota duranatti, ibidda sami'ii haga buusu'uu titti, baasota ol aanota ni taasisa ture.


Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.


Balaawwan kanniiniin du'a irraa ka hafan fiixaan ilma namaa hujii harka isaanii irraa dhiifamaan gara Waaqaa hin deebine, jinniiwwanii fi worqqii, meeta, sibiila diimaa, dhaga'aa fi muka irraa ka hojjataman laaluu yookiin dhagayuu, yookiin waaqolee harkaan hojjataman ka deemu'uuf hin dandeenne, waaqeffachuu'llee hin dhiifnne.


Namittiin hamaraa fi uffata diimaa uffatee ture, worqqi'ii fi dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqotaan'llee bareeddee turtte, harka isi'ii titti'llee waan jibbisiisuu fi battummaan sagaagalummaa isi'ii ka itti guute, duloo worqqi'ii qabattee ni turtte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite