Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 9:1 - Waadaa Haarawa

1 Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Maleekkaan shaneesso'oollee xurumbaa afuufee urjii sami'ii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuuteellee hin kennameef.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 9:1
20 Referans Kwoze  

Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti.


Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan.


yookiin onnee kee titti, «Gara siioolii titti eennutu bu'a?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin du'aa kaasu'uuf.


Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.


Kanaan duubatti furittuu boolla gadi fogo'ootii fi birbiraata guddaa maleyikkaan harka isaa titti qabatee jiru, sami'ii yoo bu'u ni arge,


bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»


Bakkumatti hafuuronni'llee, «Yabo'oo gara qilee gad fago'oo titti nu hin ergin!» jechu'uun, ni kadhataniin.


Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.


Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif.


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen,


Ji'oota gannaatiin bubbeen cimaan muka harbbu'uu yoo sochoosu akkuma firiin isaa muka irraa harca'utti, urjjiiwwan sami'ii'llee ni harca'an.


Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite