Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:9 - Waadaa Haarawa

9 garba ciisaa keessa ka jiraatan uumamittoota lubbuu qaban keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni du'an, harka sadihi keessa harki tokkoon dooniiwwanii'llee ni dhabame.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Uumamni lubbu qabeeyyiin galaana keessa jiraatan keessaa sadi keessaa harki tokko hin du'e. Markabni sadi keessaa harki tokko hin bade.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Uumama lubbu qaban ka galaana keessa jiraatan keessaa harka sadihi keessaa harki tokko hin du'an; Markaboonnillee harka sadihi keessaa harki tokko hin barbadaaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:9
13 Referans Kwoze  

Maleyikkaan lammaffaa'llee duloo garba ciisaa irratti ni jisse, garbi ciisaan'llee akka dhiiga nama du'ee ni ta'e, garba ciisaa keessa'llee ni jiraatan ka turan wonittoonni lubbuu qaban marrinuu, ni du'an.


Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.


Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.


Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti.


Saa'aatii kanaa fi guyyaa kanaaf, ji'a kanaa fi woggaa kanaaf ka qophaayan maleyikkoonni arfan, fiixaa namaa harka sadihi keessaa harka tokko akka ajjeesaniif, ni hiikaman.


Ibidda afaan isaaniitii baasaniin, aaraa fi dinni'iin, balaawwan kanniin sadiin kanaan, fiixaan ilma namaa harka sadihi keessaa harki tokko ni ajjeefame.


Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite