Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye.
Kutattii kana keessa'llee girgiraan worqqi'iitii fi taabonni waada'aa ka worqqi'iin ka dibaman ni jiran turan, taabotattii waada'aa kana keessa'llee mannaan ka keessa jiru masoobiin worqqi'ii, lalifttuu ka turtte uleen Aarooniitii fi gabateen ajajoonni kudhanii irratti barreeffaman'llee ni jiran turan.
Eennu ka muritteessu? Yesus Kristos isaanitti ni murtteessa ree? Inni waayee kennaaf ka du'e, du'aa'llee ka'ee mirga Waaqa Abba'aatiin ka taa'e, waayee keennaaf'llee ni kadhatu.
Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,