Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:2 - Waadaa Haarawa

2 Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Maleekkoota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge, isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Maleekkota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge; isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:2
18 Referans Kwoze  

Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Maleeyikichi'llee akkana jedhu'uun ni deebiseef, «Ani Waaqa durana ka dhaabadhu Gabri'eel, oduu gammachu'uu kana akka sitti himuuf, Waaqa biraa ergamee dhufee jira.


Xurunbbaawwan laali'ii torbaa malayikkoonni qabatanii jira, xurumbbaawwan isaanii ka laali'ii afuufu'uuf ni qophaayan.


Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [


Kanaan duubatti maleyikkoota torbaniin, «Deemaa! dheekkamissa Waaqaa qabatanii ka jiran duloowwan torbban arddii irratti jissaa!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan jedhu, Mana Waaqeffanna'aatii yoo bayu ni dhagaye.


Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.


Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


Kanaaf waan hamaa dhufu mara jalaayyuu bayu'uuf, huminna akka argatanii fi Ilma Namaa durana'llee dhaabachu'uuf akka dandeettan, kadhata'aa yeroo maraa jabaadhaa.»


Ka jijjiiraminnu'llee xurunbbaan laali'ii ka muumme'ee yeroo afuufamutti akka limsata ijaa yeroo tokkotti. Xurunbbaan laali'ii ni afuufama, namoonni du'an'llee ka hin badinne jiraattota ta'anii ni ka'an, nu'llee ni jijjiiraminna,


Qoonqqa ajajaa, qoonqqa itti gaafatamaa maleyikkootaa, xurunbbaan laali'ii Waaqaa'llee ni dhagayama, Gooftaan mataan isaatuu kanniiniin marffamee sami'ii ni bu'a, Kristostti amananii worri du'an'llee durssanii ni ka'an.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye.


Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite