Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:13 - Waadaa Haarawa

13 Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan «waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e!» Hennaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:13
12 Referans Kwoze  

Uunisha'aan Lammaffaa dabrre jira, kunoo uunisha'aan sadaffaa dadafaan ni dhufa.


Uunisha'aan jalqabaa dabrree jira, kunoo kanaan duubatti uunishaan bira'aa lama ufi durana ni dhufa.


Kanaan duubatti ummatoota arddii irra jiraataniif, gosa, afaanota adda addaa worra dubbatanii fi worra gara garaa maratti dubbachu'uuf wongeela bara baraa ka qabate maleyikkaan bira'aa, samii jidduu yoo bararu ni arge.


Kanaan duubatti aduu irra ka dhaabate maleyikkaa tokko ni arge, inni'llee sinbirroota samii irra bararaniin akkana yoo jedhu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, «Gara afeerrii ol aanaa Waaqaa kootaa! Wolitti qabamaa!


Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.


Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo?


Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif.


kanaaf samiiwwanii fi ka isaan keessa jiraatan marrinuu gammadaa! Yeroon muraafnni qoftti akka isa hafe waan beekeef daabiloos dallanissuu ol aana'aan gara keessan bu'ee jiraatii, arddi'ii fi garbi ciisaan isinii uunsha'a!»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite