Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:12 - Waadaa Haarawa

12 Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Maleekkaan arfeesso'oo xurumbaa afuufe. Aduun sadihi keessaa harki tokko, addeessi sadihi keessa harki tokko, urjiiwwan sadihi keessaa harki tokko hin dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu, guyyaan sadihi keessa harki tokko akka ifu, akkasuma ka halkanillee'e.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:12
26 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti Hoolichi chaaphaa jahaffaa yeroo banetti gara isaa ni laale, kunnoo sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, aduun akka uffata gurraacha gaddaa titti ni gurraachoftte, jiin marri'llee akka dhiigaa titti ni diimatte,


Ibidda afaan isaaniitii baasaniin, aaraa fi dinni'iin, balaawwan kanniin sadiin kanaan, fiixaan ilma namaa harka sadihi keessaa harki tokko ni ajjeefame.


Saa'aatii kanaa fi guyyaa kanaaf, ji'a kanaa fi woggaa kanaaf ka qophaayan maleyikkoonni arfan, fiixaa namaa harka sadihi keessaa harka tokko akka ajjeesaniif, ni hiikaman.


«Yeroo sanitti, rakkinna kana maraan duubatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu,


«Guyyoota rakkinnaa sanniiniin duubatti bakkumatti aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, urijjiiwwan'llee sami'ii ni kufan, huminoonni samii'llee ni raafaman.


Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate,


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Adu'uu fi ji'a, urjjiiwwan irratti'llee malkanni maalale'ee ni mulidhatan, arddii mara irratti'llee ummattoonni marrinuu qoonqqa naasisaa garba ciisa'aa fi danbali'ii irraa ka'een sodaatanii ni sarddaman.


Guyyaa keessaa'llee saa'aatii jahaa jalaqabee haga saa'aatii sagalii titti, arddii mara irrattuu dukkana ni ta'e.


Saa'aatii jahaa jala qabee haga saa'aatii sagalii titti arddii mara irratti dukkana ni ta'e.


Ol aana'aa fi maalalchiisaa, guyyaan Goofta'aa dhufu'uun duranatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee dhiiga ni fakkaatti.


Maleyikkaan shanaffaa duloo teessoo bineenssichaa irratti ni jisse, mootummaan bineensichaa'llee dukkana ni ta'e, namoonni makkaraarnna isaanii irraa ka ka'een arraba isaanii ni alanishan ture,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite