Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:9 - Waadaa Haarawa

9 Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:9
41 Referans Kwoze  

Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Kanaaf damee baala meexxi'ii qabatanii isa simachu'uuf ni bayan, «Hosaa'inaa! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, Nugufnni Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa, ni iyyan ture.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.


Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.


Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati.


Kanaaf waan hamaa dhufu mara jalaayyuu bayu'uuf, huminna akka argatanii fi Ilma Namaa durana'llee dhaabachu'uuf akka dandeettan, kadhata'aa yeroo maraa jabaadhaa.»


Yeroo sanitti namoonni kuma baayi'e'etti lakkaayaman wol ni gayan, baayi'inna isaanii irraa'llee ka ka'een ufii isaaniitii wol hacuuca'aa wol dhidhiitan ture, Yesus'llee durssee barattoota isaatiin akkana jechuu jala ni qabe, «Shiishaa worra Farisotaa jechu'uun'llee, fakkeessitummaa isaanii irraa ufi eeggadhaa jechu'u.


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.


Kanaaf akka nama du'ee titti ka laakkayamu Abrahaamii tokko irraa, akka urjjii sami'ii ka baayi'atee fi akka cirracha garba ciisaa keessaa titti ka hin laakkayamnne, fiixaan ni argame.


Kanaaf guyyaa hama'atti huminna diinaa ufi irraa ittisu'uuf akka dandeettanii fi maraa raawwattanii jabaattanii dhaabachuu akka dandeettaniif, meeshaa Waaqaa ka woraanaa guutuu ol fuudhaa!


Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,


gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lamaa fi gosa Biiniyaamii keessaa'llee, kuma kudha lama ni turan.


Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite