Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:15 - Waadaa Haarawa

15 Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

15 Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa waaqeffatan. Ka teessoo irra taa'e isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan;

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:15
25 Referans Kwoze  

Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,


Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.


Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman.


Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.


Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Eegaa wonittoota irratti dubbannu keessaa ijoon waan kana, sami'itti mirga teessoo Waaqa jiraata'aatiin ka taa'e, akkana ka jiru itti gaafatamaa qeesotaa ni qabnna,


Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo?


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


Bineensonni ka teessoo irra taa'ee fi baraa haga baraa titti ka jiraatuuf, ol aanttummaan, ulfinnaa fi galata yeroo dhiyeessan marattuu,


Waaqaa fi maqaa Waaqaa, mana jireenna isaatii fi sami'itti bakka inni jiraatu'llee arrabssuu, jala ni qabe.»


Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite