Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:11 - Waadaa Haarawa

11 Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Maleekkoonni maruu naannoo teessoo manguddootaatiif, busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gadi kufanii Rabbii sagada'aa,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Maleekkonni maruu naannoo teessoo manguddootaatii fi busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gad kufanii Rabbii sagada'aa,

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:11
16 Referans Kwoze  

jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan.


Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.


Waaqa duranatti teessoowwan isaanii irra ka taa'an jaarsotiin diddamii arffan'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan,


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha.


Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.


Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.


Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.


Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite