Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:1 - Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti maleyikkoonni afurii kallattii arfan arddi'iitiinuu dhaabatanii ni arge, isaan'llee arddii irra'llee ta'ee garba ciisaa yookiin muka irratti'llee bubbeen woyiituu akka hin bubbifnneef, kallattii arfaniinuu ka dhufan bubbeewwan ariddi'ii ni qaban.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Asiin maayii kallatii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafarra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irraa jiraate yookiin galaana yookiin muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Asiin maayii kallattii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafa irra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irra jiraate, yookaan galaana, yookaan muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:1
23 Referans Kwoze  

Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


Maleykkoota isaa'llee ni erga, isaan'llee kallattii arfaniinuu deemanii daangaa arddi'iitii haga daangaa sami'ii titti worra argaman, namoota isaaf filataman wolitti ni qaban.»


Qooniqqi isaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ka qabate maleyikkaan jahaffaa, «Laga ol aanaa Efraaxiisii titti ka hidhaman, maleyikkoota arfanii isaan hiiki!» ni jedheen.


«Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.


Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture.


Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.


ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite