Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 6:9 - Waadaa Haarawa

9 Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Hennaa chaappaa shaneesso'oo hiike mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 6:9
21 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.


Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye.


Ibidda irratti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa furdda biraan bayeeti, maleyikkicha haamttuu qaramitte qabatee jiruun, «Mataan firiiwwanii waan bilchaataniif haammittuu kee qaramaa ergi! mataawwan woyinni'ii maraa arddii irraa muriitii wolitti qabi!» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye.


Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.


Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.


Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.


Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.


Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef.


Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.


Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye.


Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.


Gara worra maqaan isaanii sami'itti barreeffame jiruu, ijoollee woldayaa ka hangafan gara worra ta'anii gara wolgayii amanttootaa, gara Waaqa muritteessaa maraa ta'ee fi gara worra qulqullaawota muda maleeyyummaa argatanii gara lubbuu Qulqullu'uu dhiyaattanii jirttan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite