Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 6:2 - Waadaa Haarawa

2 Kunoo fardda adii ni arge, ka farda irra taa'ee jiru'llee xiyyaa qabatee jira ture, gonfataan'llee ni kennameef, inni'llee injifataa ta'ee moo'aa injifanno'oo gara injifanno'oo titti, deemu'uuf ni baye.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka Farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaasa kennameefii mooyata'aati moyyatu'uuf baye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaafni kennameefii Inni mooyataan mooyatu'uuf baye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 6:2
22 Referans Kwoze  

Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


Kanaan duubatti ni laale, kunoo duumessa adii ni arge, duumessa irratti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu taa'ee jira, mataa isaa irratti'llee gonfata worqqi'ii gonfatee jira, harka isaa titti'llee haamttuu qara qabddu qabatee jira,


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»


Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.


Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»


Waaqinni diinota isaa maraa aangoo isaa jala haga isaaf taasisuufitti, Kristos mootomuun ni malaan.


Faradoo adaadii ka yaabbatan, qulqulluu ka ta'e uffata adii bareedaa ka uffatan, hoomaan sami'ii isa horddofaniiniiti jira,


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


Awwaannisoonni'llee faradoo woraanaaf qophaayan ni fakkaatan turan, mataa isaanii irra waan gonfaan worqqi'ii fakkaatutu jira ture, fuulli isaanii fuula namaa ni fakkaata ture,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite