Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 6:1 - Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Kanaan maayessa hoolaan hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu laali» hennaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 6:1
17 Referans Kwoze  

Harka mirgaa ka teessoo irra taa'eetiin, keessaa fi duubaan ka irratti barreeffame, chaapphaa torbaan ka cufame, kitaaba kaldho'oo maramaa ni arge,


Hoolichi chaaphaa sadaffaa yeroo banetti bineenssi sadaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye, kunoo farda gurraacha ni arge, ka farda yaabbate'llee meeshaa ulfaatinna ittiin madaalli'ii harka isaa titti qabatee jira ture.


Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a!


Hoolichi chaaphaa arfaffaa yeroo banetti qooniqqi bineenssa arfaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye,


Sami'ii'llee qooniqqa fincaayaa bishaan ol aanaa fi qoonqqa hangaasuu ol aana'aa fakkaatu ni dhagaye, qooniqqi dhagaye'llee kiraara sirreesttoonni haala qoonqqa kiraara itti sirreessanii qoonqqa dhagayan ka fakkaatu ture.


Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.


Hoolichi chaaphaa lammaffaa yeroo banetti, bineenssi lammaffaa, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Nu ammoo waan arginee fi dhageenne dubbachuu keenna hin dhiifinnu» jedhan.


Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.


Hoolichi caaphaa torbaffaa yeroo banetti haga wolakkaa saa'aati'iif sami'itti caldhisiinssi ni ta'e,


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite