Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:13 - Waadaa Haarawa

13 Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haa ta'u» jedhan dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:13
29 Referans Kwoze  

Kanaaf maqaa Yesusiitiif ulfinna, sami'ii fi arddi'itti, arddi'ii gaditti'llee worri jiran marrinuu, jilbba isaaniitiin ni jilbbiiffatan.


Garuu sami'itti ta'ee ardi'itti yookiin ardi'ii gaditti'llee, kitaaba maramaa kaldho'oo banu'uu fi keessa isaa laaluu ka danda'ameef, eennu'llee hin turre.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.


Wonitti marrinuu ka argame isa irraa, isaan, isaaf, bara baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.


Baraa haga baraa titti'llee, ulfinnaa fi humnniti isaaf haa ta'u! Ameen.


«Sami'itti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! ardditti'llee namoota Waaqinni jaalatu maraaf nageenni haa ta'u!» ni jedhan turan.


Gaarotaa fi dhagaayyi'iin'llee, «Nu golgaa! Ka teessoo irra taa'een duranaa irraa fi dheekkamssa Hoolichaa jalaa'llee nu dhossaa!


Inni qoftti Waaqa qorichaa keenna ka ta'e karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, duri irraa jalqabee, amma'llee, bara baraaf'llee ulfinnaa fi gachena, huminnaa fi aangoon isaaf haa ta'u! Ameen.


Inni qoftti ogummaa ka qabu Waaqa tokkoof, Yesus Kristosiin bara baraaf galanni haa ta'u! Ameen.


Isaan dhaloota isaaniitiin abbootii gosaa irraa ka dhufan, Kristos'llee fooniin ka dhufe fiixaa isaanii irraayyi, inni ka maraayyuu oliiti, bara baraaf'llee Waaqa eebbifame, Ameen.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


Ka barsiisu akka waan dubbii Waaqaa barsiisuu titti haa barsiisu, ka tajaajilu'llee huminna Waaqinni isaa kennuun haa tajaajilu, bifa kanaan'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin waan maraanuu ni galateeffatama, ulfinnaa fi angoon, baraa haga baraa titti'llee isaaf haa taatu, Ameen.


isaaf Woldaya amanti'iitii fi Yesus Kristositiin baroota marattuu, baaraa haga baraa titti ulfinni haa ta'u, Ameen.


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf.


Hamaa jalaa nu baasi malee, gara qormaataa titti nu hin galchin, [Mootummaan, huminnaa fi ulfinni'llee, bara baraan keeti, Ameen.› »]


Mataa keetii fi hujii barsiisummaa keetiitiif'llee ufi eeggadu, wonittoota kanniiniin jabaadhu, kana raawwachu'uun'llee, mataa keetii fi worra si dhageeffatan ni fayyiftta.


Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!


Harka mirgaa ka teessoo irra taa'eetiin, keessaa fi duubaan ka irratti barreeffame, chaapphaa torbaan ka cufame, kitaaba kaldho'oo maramaa ni arge,


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite