Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:12 - Waadaa Haarawa

12 Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame saniif hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:12
19 Referans Kwoze  

Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Kanaan duubatti akkana ka jedhu qooniqqa ol aanaa namoota baayi'ee fakkaatu, sami'itti ni dhagaye, «Hallee luyyaa! Fayyisu'uu fi ulfinni, huminniti'llee, ka Waaqa keennaati!


«Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Akkana'llee ni jedhan, «Ameen farfannaa, ol aanttummaa, ogummaa, galataa fi ulfinni, humnnitii fi jabeenni'llee, Waaqa keennaaf, baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.»


ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef.


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.


Kana nugusa bara baraa ka hin duune, ka hin mulidhanne, Waaqa tokkochaaf ulfinnaa fi galanni baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite