Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 4:8 - Waadaa Haarawa

8 Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

8 Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Busaayaan arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin. «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 4:8
42 Referans Kwoze  

Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha.


Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.


Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu.


Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.


akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna.


Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye.


Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.


Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine,


Ummattoota ka ittiin dhayu biloofnni qara qabeessi afaan isaatii ni baya, ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, inni'llee maraa ka danda'u ibisa dheekkamissa Waaqa sodaachisa'aa ka ta'e, bakka cuunffaa woyinni'ii irra ni ijjata,


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Ani abbaa keessan ni ta'a, isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan, jedha, Waaqinni maraa danda'u.»


Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman.


Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban.


dubbii Waaqaa lallabi, yoo tolee fi toluu yoo dhabaate'llee yeroo kamittuu hisadhuutii hojjadhu, hubachiisa'aa, itti baanata'aatii fi gorssa'aa, obissaa fi barsiisu'uun hisadhu.


Mataa keetii fi hujii barsiisummaa keetiitiif'llee ufi eeggadu, wonittoota kanniiniin jabaadhu, kana raawwachu'uun'llee, mataa keetii fi worra si dhageeffatan ni fayyiftta.


Yaa obboleeyyan! Attamitti akka hojjannee fi akka dadhabinne ni beekittan, wongeela Waaqaa yeroo isiniif lallabnnutti, tokkoo tokkoo keessan irrattuu ba'aa akka hin taaneef, halkanii fi guyyaa hojjachu'uun ni dadhabinna turre.


Kanaaf tokko tokkoo keessan, woggaa sadihi halkanii fi guyyaa, imimmaan kiyya jissaa akka isin gorsse yaadataa, ufi eeggadhaa.»


Bineensonni ka teessoo irra taa'ee fi baraa haga baraa titti ka jiraatuuf, ol aanttummaan, ulfinnaa fi galata yeroo dhiyeessan marattuu,


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.


Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.


Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne.


Jaarsotiin diddamii afuriitii fi bineensonni afurii'llee Waaqa teessoo isaa irra taa'ee jiruuf, kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, «Ameen, haalleeluyaa!» jedha'aa, ni sagadan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite